Muudama kaabinee mootumaaa haaraa Itoophiyaa

Fulbaana 6: Yeroo Finfinne

Wiixata Fuulbaana 24 ministaara muummee Itoophiyaa ta’aani kan filaman Dooktor Abiiy Ahimad miseensoota kaabine issanii mana marree bakaa buutotaa uummataa duuratti dhiyeesaniruu.

Akka Heera mootummaatti mana maree bakka bu’oota ummataa keessatti paatiin sagalee caalmaa argate miseensota seera raawwachiituu ni gurmeessa, ni gaggeessa, aangoo siyaasaas ni kenna. Manni maree 6ffaa bara hojii waggaa 1ffaa kora addaa isaa Roobii gaggeesseen kaadhimamtoota MM dhiyaasan sagalee mormii 2, sagalee kennuu kan of qusatan 12n sagalee caalmaan muudamicha raggaasiseera.

Ministirri Mummee Abiy Ahimad miseensota kaabinee haaraa har’a mana maree bakka bu’ootaatti dhiyyeessuun raggaasifataniin, miseensota paartii mormitootaa keessaa sadii sadarkaa ministeeraaf dhiyeessanii raggaasifatan. Haaluma kanaanis Ittaanaa Paartii ABO Obbo Qajeelaa Mardaasaa Ministira Aadaa fi Ispoortii, Dura taa’aa Paartii IZEMA Dr Birhaanuu Naggaa Ministira Barnootaa fi Dura Taa’aa Paartii ABIN Dr Ballaxaa Mollaa Ministira Innoveshinii fi Teknoloojii ta’uun muudamaniiru.

Walumaagalatti Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa 6ffaa walgahii waggaa tokkoffaa addaa isaatiin mudama ministirootaa 22 Ministira Mummeetiin dhiyaatan raggaasiseera.

Miseensoonni kaabinee Mootummaa Itoophiyaa

Obbo Dammaqaa Makonniin Ittaanaa MM fi Ministira Dhimma Alaa

Dr Abrhaam Balaayi -Mnistira Raayyaa Ittisaa biyyaa

Obbo Ahimad Shidee – Ministira Maallaqaa

Aaddee Mufariyaati Kaamiil – Ministiira Hojiifi Oggummaa

Obbo Umar Huseen – Ministira Qonnaa

Injinar Ayishaa Musaa – Ministira Jalliissiifi Naannaw Gammoojii

Injinar Habtaamu Guddataa – Ministira Bishaan fi Inarjii

Dr Birhaanuu Naggaa – Ministira Barnootaa

Addee Daagmaawiit Mogas – Ministira Geejibaafi Lojistiikii

Obbo Gabra Masqal Caalaa Moxaaloo- Ministira Daldalaafi Hidhata Qaxanaa

Obbo Malaakuu Alabal Addis – Ministira Industirii

Obbo Binaalf Andu’alam – Ministira Nagaa

Dr Geediyoon Ximootiyoos – Ministira Haqaa

Dr Liyaa Taaddesse Gbramadihiin – Ministira Fayyaa

Dr Ballaxa Mollaa Getaahun – Ministira Innovashiniifi Teeknooloojii

Ambaasaadar Naasisee Caalii – Ministira Turizimii

Obbo Laaqawu Ayyaalee – Ministira Galiiwwanii

Aaddee Caaltuu Saanii Ibraahiim – Ministira Magaalaa fi Misooma Bu’uuraa

Injinar Taakala Umaa Bantii- Ministira Albuudaa

Dr Fitsum Asaffaa Addallaa – Ministira Misooma Karooraa

Dr Ergoggee Tafaayee – Ministira Dubartootafi Dhimma hawwasummaa

Obbo Qajeelaa Mardaasaa – Ministira Aadaafi Ispoortii ta’uun mudamaniiru.

MM Abiy Ahimad haasawa miseensota kaabineesaanii dhiyeessuun dura taasisaniin, ministiroonni muudamaan kan ‘Kadhannaa fi Hanna’ hinqabneefi kan ilaalcha kadhachuu fi hatuu keessaa biyya baasuuf caraaqan ta’u qabu jedhan.

Ministiroonni muudaman kan ministeera biyyaatti malee ministeera kan saba wayii ta’uurraa ofqusachuu qabus jedhan. Paartilen morkattootaa gara kaabineetti isin fidaa waan jiruuf dhaabbata gaggeessan irratti akka warra karaa saaquutti akka hojjetaniifis dhaaman.

Ulaagaaleen miseensonni kaabinee kunneen ittiin mudaman ilaalchisuunis MM Abiy yoo himan:

Garaagarummaan siyaasaa kaabineen waajjin taa’anii waliin mari’achuu hin dhoowwu, bakka dhalootaa muudamtootaa bal’isuu, muuxannoo fi dandeettii raawwachuusaanii, garaagarummaan saalaa wal madaalaa akka ta’uuf yaalameera. Akkasumas, garaagarummaan amantaa, fedhii biyya tajaajilluuf qabaachuu fi kanneen ittigaafatamummaa fudhatan keessatti hammatame akka ta’u taasifamuu himaniiru.

Huundeefamnii hojii raawachiftuu ykn miiseensotnii kaabinee mootummaa Itoophiyaa caassa haaraadhan kaan hundeefamee ta’uun isaa ibsaamerra.

Maddi: EPA

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *