Obbo Araarsoo Biqilaa fa’a akka hooggansa ABOtti fudhachuun hin danda’amu -BFB

Finfinnee,Bitootessa 20/2013 ( Yeroo )

Gareen ABO(Adda Bilisummaa Oromoo) Obbo Araarsoo Biqilaatiin durfamu torbaanota muraasa dura Kora Sabaa kutaalee hawaasaa garaa garaa hirmaachise waamee geggeesitoota Addichaa olaanoo filadheera “ jechuun miidiyaaleef ibsa laachuun isaa ni yaadatama.

Kanas hordofee Boordii Filannoo Biyyaalessaatiif gaafii Kaadhimamtoota filannoo marsaa 6ffaa irratti ABO bakka bu’uun dorgoman naa gaalmeessaa dhiyeessee deebii eeggachaa jiraachuunis ni beekama.

Haata’uutii malee Boordichi adeemsa Kora Sabaa geggeeffame jedhameefi gaafii dhiyaate eega xiinxalaa tureen booda deebii Dilbata kaleessaa laateen Obbo Araarsoo Biqilaa fa’a akka geggeesitoota ABOtti fudhachuun akka hin danda’amnee fi gaafii kaadhimamtoota nuu galmeessa isaaniis ilaaluun barbaachisaa akka hin taane hubachiiseera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *