Qormaanni biyyaalessaa kutaa 12ffaa Itoophiyaa Gurraandhala 29- Bitootessa,2 bara 2013tti laatama jedhame

Finfinnee, Gurraandhala 4, 2013 (Yeroo )– Qormaanni biyyaalessaa kutaa 12ffaa Gurraandhala 29 -Bitootessa,2 bara 2013tti kan laatamu ta’uu Ministeerri Barnootaa beeksise.

Ministirri Barnootaa Doktar Injiner Geetaahun Makuriyaa dhimmicha ilaalchisuun miidiyaaleef ibsa laataniiru.

Ministirichi,hanga ammaatti turuu qormaaatichaaf barattootaa fi maatii barattootaa dhiifama gaafataniiru.

Qormaaticha online kennuuf yaadamee turuu kan yaadachiisan Dr Geetaahun,tableetiin bitamuuf yaadame kumni dhibbi 5 hanga ammaattis waan biyya hin galleef qormaaticha Waraqaan kennuuf dirqamuu himaniiru.

Dijiitaal IDn barattoota kuma 350f qophaa’ee naannoleef raabsamuu kan dubbatan Dooktar Injiinar Geetaahuun Makuriyaan Guraandhala 22 hanga 24 bara 2013tti ammoo Waraqaan eenyummaa Dijiitaalaa barattootaaf ni laatamas jedhaniiru.

Barattoonni Naannoo Tigraay qormaaticha dhaabbilee barnoota olaanoo keessatti akka fudhatanis Ministirich hubachiisaniiru.

Gurraandhala 29, 2013 hanga Bitootessa 2 bara 2013tti ammoo Qormaanni seensa barnoota dhaabbilee olaanoo akka kennamu odeeffanneerra.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *