Qondaalonni UN torba saatii 72 keessatti biyyaa akka bahan ajajjame

Fulbaan 20: Yeroo Finfinne

Itoophiyaan qondaalonni UN torba sa’a 72 keessatti daangaa biyyattii gadhiisanii akka bahan murteessuu Ministerri Dhimma Alaa beeksiise.

Ministerri Dhamma Alaa Itoophiyaa akka jedhetti, qondaaltoonni olaanoon biyya gadhiisanii akka bahan murtaa’e kanneen dhimma keessoo biyyaa keessa seenaniifi ”lammii biyya alaa mirga himatamuu dhabuu qabanidha.”

Kanneen akka gadhiisanii bahan itti murtaa’e keessaa:

1. Itoophiyaatti bakka buutuu UNICEF, Adel Kihodir

2. UNtti Hoggantuu waajjira Qindeessa Deeggarsa Namoomaa, Maarsii Viigodaa

3. UNtti gorsaa dhimma nageenyaa fi misoomaa Kiseweesii Saannsikulootee

4. Waajjira UNtti Itti Aanaa Hogganaa Saidaa Mohaammad Heersii

5. UNtti hoggantaa garee hordoffii fi gabaasaa Obbo Saanii Oonyoogbulaa

6. Waajjira UN Itoophiyaatti I/Aanaa Qindeessaa Deeggarsa Namoomaa Giraan fi

7. Le’iteeyfi UNtti Qindeessaa deeggarsa yeroo eeggannoo Gaadii Eltaahir Mu’aadii kanneen murtoon irratti darbedha.

Maddi: MFA

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *