Albamni Haacaaluu Hundeessaa Wixata dhufu akka gadhiifamu maatiin himan

Finfinnee,Waxabajjii 18/2013 ( Yeroo )

Albamni Haacaaluu Hundeessaa mata-duree ‘’Maal Mallisaa’’ jedhu qabu kun Wiixata dhufu ummataaf akka gad lakkifamu maatiin isaa beeksisaniiru.

Eebbi albamichaa guyyaa waggaa tokkoffaa Haacaaluun itti ajjeefamerra oola jedhameera.

Sirbootni Haaceen osoo lubbuun jiru hojjachaa tureefi irraa wareegame qindaahanii xumuramuu haati warraa isaa Aadde Faantuu Damissee ibsiteerti.

“Haceen ani ummata kootiif qaaliidha jedheera. Ummanni ammoo isaaf maalidha kan jedhu CD orijinaala isaa bitatee akka seenaadhaaf keewwatu “,jechuunis jaallattootaa fi dinqisiifattoota isaatiif ergaa dabarsiteerti.

Sagantichi magaalaa Finfinnee Hoteela Sky Light tti Wiixata dhufu sa’aa 11:00 tti kan gaggeeffamu yoo ta’u ,sababa weerara Vaayirasii Koronaatiin namootni 450 qofa akka hirmaatanis himameera. 

Gootni ija barbadaa weellisaa Haacaaluu Hundeessaa bara darbe Waxabajjii 22 galgala keessa gara-jabaattotaan ajjeefamuun isaa ni yaadatama.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *