Geetaachoo Raddaa: ”Garaagarummaan yaadaa bakka jirutti walitti baquun hin yaadamu”

Paartilee Obboleewwanii afur ODP, ADP, ABUT fi Paartii Uummattootaa Kibbaa irraa kan hundeeffame paartiin ADWUI walitti baquun maqaa haaraa qabatee as bahuuf oduun jedhu tibbana miidiyaa hawaasummaa irratti bal’inaan dubbatamaa jira. Dhimma kana paartiin naannoo Tigraay ABUT (TPLF) akka hin fudhannee fi paartilee kaan keessaas kan yaadichaan morman akka turan dubbatamaa ture.

Kun otoo kanaan jiruu oduun Koreen Giddu Galeessaa TPLF ibsa baaseera jedhu har’a miidiyaa hawaasummaarratti qoodamaa jira. Haala walii galaa walitti baquu paartilee ADWUI fi ibsa ba’eera jedhamee ilaalchisuun gaaffii fi deebii BBC Afaan Tigiree waliin kan taasisan Miseensi Koree hojii Raawwachiiftuu TPLF Obbo Geetaachoo Raddaa ibsi addatti baasan akka hin jirre dubbatan.

”Ibsi ejjennoo addatti naannoon Tigraayi baase hin jiru. Akka carraa har’a ibsi cuunfaa marii Koree Giddu Galessaa TPLF miidiyaa hawaasummaarratti ba’ee ture. Akkuma yeroo kaanii mari’ataa turreetu waan irra geenyee fi irratti walii galle barreesine. Wanti addaa hin jiru.”

Waa’ee walitti baquu paartilee Adda Dimokiraatawaa Warraaqsa Uummattoota Itoophiyaa ilaalchisee TPLF ibsa ejjennoo baasees hin qabu.

Waa’een paartileen obboleewwan kunneen walitti baquun paartii tokko ta’uu tibbana miidiyaa hawaasummaa irratti ijoo dubbii ta’eera.

Dhimmi kun yoo dhugaa ta’e ejjennoon paartii keessanii maal ta’a gaaffii jedhuuf wayita debii kennan, ”Nuti paartileen kunneen walitti baquun tokko ta’uuf kan jedhu homaa wanti dhageenye hin jiru. Yeroo darbe yaa’ii koree hojii raawwachiiftuu ADWUI irratti dura taa’aan paartichaa waa’ee walitti baquu wayita yaada dhiyeessan dhaga’eera. Kanarra homaa hin beeku,” jedhan.

Akka TPLF hubatutti yaadrimeen paartilee walitti baqsuun tokko gochuu garaagarummaa yaadaa dhiphisuun tokkummaa hundee jabeeffate uumuudha malee paartilee biroo balleessuu miti jedhan.

”Tokkummaa yaadaa fi kaayyoo irratti ijaaramnerratti yoo walii galle qofadha kan tokko taanu. Yoo kun mirkanaa’e qofa kan waliin turru.” Paartiin tokko yeroo turtii aangoo nama tokkoof qofa diigamee ijaaramuu hin danda’u kan jedhan Obbo Geetaachoon ”keessi keenya qaawwa guddaatu jira, adda addummaa guddaatu jira.

Kaayyoorratti tokko hin taane. Ilaalchaan garaagara taaneerra. Kanaafuu rakkoo nu gidduu jiru gadi fageenyaan erga qorannee booda walitti baquun paartii tokko ta’uu kan dandeenyu jenneetu gargar baane” jedhan. Kanarraa kan hafe inumaa dhimmi kun ka’uusaatti adda addummaan yaadaa paartilee obboleewwanii gidduutti ni bal’ate malee hin dhiphanne jedhan Obbo geetaachoon.

”Bakka garaagarummaan yaadaa bal’aan jirutti fedhii nama tokkoo qofaan paartiin walitti dabalamuu hin danda’u. Namni tokko qofti ol ka’ee paartiin uumuu barbaada waan jedheef qofa wanti ta’u hin jiru. TPLF diraamaa akkanaa seenee yeroosaa balleessuu hin barbaadu,” jedhan.

Ammas taanaan ejjennoon paartii isaanii rakkoo Itoophiyaa hubachuun furmaata fiduuf hojjechuu ta’uu kan dubbatan Obbo Geetaachoon hamma rakkoo keessoo keenyaa hin hiiknetti raajiin ittiin paartii maqaa jijjiirree haaraa hundeessinu eessa ba’e jedhan.

”Wayita garaagarummaan yaadaa fi ilaalchaa giduu paartilee ADWUI hundeessaniitti hundee jabeeffatee jirutti raajii akkamiitiin walitti baqsuun danda’ama. An karoorri walitti baqsuu kun murtaa’uusaa hin beeku, yoo ta’eera ta’e garuu hamma rakkoon jiru hin furamnitti akka hin milkoofne dursee hubatamuu qaba.” Haala qabatamaa yeroo ammaa irraa ka’uudhaan egereen paartii ADWUI maal ta’a kan jedhurratti ejjennoo TPLF wayita ibsan Obbo Geetaachoon ”ADWUI yaadaan kan walitti hidhameedha. Tokkummaa yoo dhabne garuu callisneema deemuu hin dandeenyu. Akkasitti ofirraa baasa deemna taanaan ADWUIn ni diigama jechuudha.”

”TPLF haala kanaan yoo ADWUIn diigame itti hin gaafatamu jechuudha. TPLF qofa osoo paartileen Itoophiyaa keessa jiran hundinuu rakkoolee deebii hin argatin hedduu qabu. Paartileen kunneen rakkoolee jiran irra dibnee dabarree caalisnee tokko taana jechuun waan hin yaadamneedha.”

”Paartiin siyaasaa kamiyyuu yaada irratti bu’uureffame qaba. Yaada sana kan fuuldurratti oofan ammoo miseensota qaba. Kanaafuu miseensota isaa waliin mari’atee qabsaa’ee murteessa malee ammuma lafaa ka’anii walitti baqna jechuun waan yaadamu miti,” jedhu.

ADWUI kaayyoosaa ganamaarratti cichee tokkummaasaa cimsee yoo deeme boodarra wanti inni walitti baqee paartii tokko hin taaneef hin jiru. Amma garuu wayita adda addummaan nu gidduutti bal’atee jirutti tokko ta’uun waan yaadamu miti.

Ejjennoon akkasii paartii TPLF qofa osoo hin taane paartilee biroo keessattis calaqqisaa tureera kan jedhan Obbo Geetaachoon ADWUI dursa rakkoo keessoo isaa furee komii ka’aa jiruuf deebii kennuu qaba jedhan.

Egereen ADWUI egeree Itoophiyaa caalaa nu yaadessa ejjennoo jedhu hin qabnu jedhan Obbo Geetaachoo Raddaa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *