Hundeefama Mootumaa Naanoolee

Fulbaana 20: Yeroo Finfinne

Obbo Kadir Jawaar Ibraahiim Kaantibaa Magaalaa Dirree Dawaa Ta’uun Muudaman

Manni Maree bulchiinsa magaalaa Dirree Dawaa yaa’iin jalqabaa gaggeesseen obbo Kadir Jawaar Ibraahiim Kaantibaa magaalichaa taasiisuun filateera. Miseensonni Bulchiinsa magaalaa Dirree Dawaa filannoo marsaa 3ffaaf gaggeeffameen ummatan filataman 189 kaleessa yaa’ii jalqabaa gaggeessaa jiru.

Obboo kadir Jawaar miseensoota kaabinee haarraa mana mariichaaf dhihesuunis akka filamanii fi waadaa akkaa galan tasifamee jiraa.

Oddeefanno biratiin Manni Maree Naannoo Amaaraa Yaa’ii jalqabaa waggaa 1ffaa gaggeessaa jiruun Dooktar Yiliqaal Kaffaalaa Preezdaantii naannichaa Taasiisuun muudeera. Dooktar Yiliqaal Preezdaantii naannichaa ta’uun sirna kakuu raawwataniiru. Naannoon Amaaraa kaabinee mootumaa hardhaa hundessee keessatti obboo Xaahir mohaamad paartii NAMA keessa ni argamuu.

Manni Maree naannoo Sidaamaa yaa’ii jalqabaa waggaa 1ffaa gaggeessaa jiruun ammo Aadde Faantayyee Kabbadaa Af Yaa’ii mana maree naannichaa taasiisuun filateera. Aadde Faantayyee Kabbadaan sirna kakuu raawwataniiru. Akkasumaas Obbo Daasta Ledamoo Pirezidaantii naanniicha godhuun file jira.

Manni Maree Naannoo Gaambeellaa Yaa’ii Jalqabaa Waggaa 1ffaa Gaggeessuu Eegale. Mani marree naanniicha Obboo Omood Ujulu pirezdaantii akkaa ta’aanif file jira. Addee Nanchaayehuu Dingataa ammoo af Ya’ii mana marree akkaa ta’aaniif filamuun waadda galaniruu.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *