Sudaan Itoophiyaatti nagaan akka bu’u yaalii gochuu akka itti fuftu beeksiste

Hagayya 8:  Yeroo Finfinne

Sudaan walitti bu’insa Itoophiyaa keessa jiruuf jaarsa ta’uun araarsuu fudhatamma dhabullee yaalii taasisaa jirtu ammallee akka itti fuftu beeksistee jirtii.

Ministirri Muummee Sudaan Abdallaa Hamdook akka dubbatanitti, walitti bu’insi Itoophiyaa keessa jiru karaa naga qabeessa ta’een akka furmaata argatuuf dhiibbaa taasisuu itti fufti jedhaanirru.

Sudaan mootummaafi humna fincile gidduu seenuun jaarsa araaraa ta’uuf carraaqaa jiraachuu ifa gochuushee hordofee mootummaan Itoophiyaa yaalicha fudhatama dhabsiisuun isaa ni yaadatama.

Kana ilaalchisuudhaan Pirees Sakireetaariin Waajira Ministeera Muummee Biillenee Siyyum deebii kennannin, Itoophiyaan Sudaan irratti amantaa qabaachuu dandeessu uumamuu baannaan, akka jaarsa araaraa amanamtuutti fudhachuuf akka rakkisee ta’e ibsuun ishee ni yaadatama.

”Hariiroon yeroo ammaa Sudaan waliin qabnu xiqqoo kan daandii qabate miti. Walamantaan qondaaltota Sudaan waliin jiru erga loltoonni biyyattii daangaa Itoophiyaa cabsuun seenanii laafeera.

Daawwannaa Hoggantuun Dhaabbata gargaarsa Ameerikaa- USAID, Samantaa Paawor Sudaanii fi Itoophiyaatti taasisan horofee, Sudaan deeggarsa hawwaasa idil- adunyaa waliin mootummaa Itoophiyaa fi TPLF gidduutti araara buusuuf hojii eegaluuf akka jirtuu himtee turte.

Waraana Sadaasa 2021 Tigraay keessatti jalqabe horofee loltoonni Sudaan gara daangaa wal mormisiisaa ta’eefi qabeenymmaan isaa kan Itoophiyaa ta’etti seenuun to’achuun ishee ni yaadatama. Sababii kanaan hariiroofi wal amantaan biyyoota lamaan gidduu ture xiqqaachaa dhufuu ni hiimama.

Ejjennoo Itoophiyaatti gammadduu kan hin taane Sudaan torban tokko dura ambaasaaarashe Itoophiyaa jiru gara Kaartumitti waamtee akka turte Roohitars gabaasee ture.

Ejjennoo Itoophiyaatti gammadduu kan hin taane Sudaan torban tokko dura ambaasaaarashe Itoophiyaa jiru gara Kaartumitti waamtee akka turte Roohitars gabaasee ture. Ministeerri dhimma alaa biyyattii ibsa baaseenis Itoophiyaan yaalii Sudaan guutummaan guutuutti fudhachuu dhiisuurra, Sudaan maal gochuu akka dandeessu hubachuun ejjennoo qabatte akka foyyeessituuf gaafatee ture.

Sudaan lola Tigraay baqachuudhaan lammileen Itoophiyaa kuma 50 ol ta’an gara biyyasheetti baqatan keessumsiisaa akka jirtu dhaabbileen gargaarsaa ibsaniiru.

Maddii:  Al Arabiya NEWS, ROITERS FI waajjirra MM Itoophiyaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *