Dr. Muluu Naggaa hojii gaggessaa olaanaa Bulchiinsa yeroo Naannoon Tigraay ta’uun ramadaman

Dr. Muluu Naggaa hojii gaggessaa olaanaa Bulchiinsa yeroo Naannoon Tigraay ta’uun ramadaman.

Finfinnee (Yeroo) Sadaasa,01,2013 

Dr Muluu Naggaa hoji geggeessaa olaanaa Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraay ta’uun ramadamuusaanii Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad karaa toora Facebook isaaniitiin beeksisanii jiru.

Manni Maree Federeeshinii Itoophiyaa yaa’ii torbaan darbe gaggeesseen, Naannoon Tigraay bulchiinsa yerootiin akka geggeeffamu sagalee guutuudhaan raggaasisuun isaa ni yaadatama.

Haaluma kanaan Ministirri Muummee Abiy Ahimad guyyaa har’aa ergaa karaa toora facebook isaaniitiin dabarsaniin Dr. Muluu Naggaa hojii gaggessaa olaanaa Bulchiinsa yeroo Naannoo Tigraay ta’uun ramadamuusaanii beeksisaniiru.

Dr. Muluun qaama bulchiinsa yeroo Naannichaa ta’anii, hooggantoota hojii mootummaa Naannichaa geggeessan 

Paartilee naannicha keessatti seera qabeessa ta’anii socho’an keessaa filachuun akka muudaniifis aangoon isaanii kennamuu Ministirri Muummee Abiy Ahmad hubachiisanii jiru.

Dr. Muluu Naggaa Kaahsaay, Ministir deetaa Ministeera Saayinsiifi Barnoota Olaanaa tahuun tajaajilaa turuun isaanii ni beekama.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *