Sirni awwaalcha Aagituu Guddataa raawwatame

Finfinnee ( Yeroo ) Amajjii,5/2013

Muddee 23 bara 2013 ,biyya Xaaliyaanitti harka namaatiin kan ajjeefamte Aagituu Guddataa reeffi ishii kaleessa Finfinnee galuun ni yaadatama.

Aagituun gaafa biyya Xaaliyaan lubbuun jiraachaa turtetti hormaata re’ootaa fi omishaalee aannan re’eerratti bobba’uun jireenya dhuunfaashiin fiixa-bayeettii ta’uu bira darbitee qalbii miidiyaalee gurguddoo addunyaas hawachuu dandeettee turte.

Kana qofa odoo hin taane baqattoota Afrikaarraa garasitti godaananiifi lammiilee Xaaliyaan hedduufis carraa hojii uumuun maqaa guddaa horattee turte -Aagituu Guddataa!!

Haata’uu malee ,ajjeechaa sukkanneessaa Muddee 23/2013 galgala keessa qacaramaashii lammii biyya Gaanaatiin ishiirratti raawwatameen lubbuun ishii darbeera.

Aagituu Guddataa fakkeenyummaan ishii dubartoota qofaaf odoo hin taane ilma namaa hundaaf jechuun miidiyaaleen gurguddoon addunyaa ragaa bahaniiruuf.

Kunumaafis fakkaata gaafii torban darbe keessa reeffi ishii gara magaala dhalootashii magaala Finfinneetti dhufee biyyee abbaashii keessatti akka boqatuuf Bulchiinsi Magaala Finfinnee dhiyeesseen guyyaa kaleessaa gara biyyaatti galuu kan danda’e.

Haaluma kanaan sirni awwaalchashii guyyaa har’aa Magaala Finfinnee Bataskaana Katoolikii St.joosef iddoo awwaalchaa Wiingeetitti bakka maatiin,firootnii fi jaalattootni ishii argamanitti raawwatameera.

Yeroo Miidiyaanis maatii,firoota,hiriyyootaafi uummata Itoophiyaa maraaf jajjabina hawwa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *