Ajjeecha Weellisaa Haacaaluu Hundeessaatiin kan himatame Xilahun Yaamii hidhaa umrii guutuun adabame

Adooleessa 27: Yeroo Finfinnee

Manni Murtii Olaanaa Federaalaa Ramaddii Lidataa dhaddachi Yakkaa Farra Shororkaa fi Dhimmoota Heeraa Lammaffaa himatamtoota sadeen; Xilaahun Yaamii, Kabbada Gammachuufi Abdi Alamaayyahu irratti murtee adabbii kan dabarse har’a Hagayya 03, 2021 dhaddacha ooleen.

Himatamaa lammaffaan Kabbadaa Gammachuu hidhaa Cimaa waggaa 18 yoo adabamu himatamaa sadaffaa Abdii Alamaayyoo ammoo hidhaa salphaa ji’a jahaa itti murtaa’eera.

Manni murtichaa beellama darbe irratti himatamaa tokkoffaan Xilahun Yaamii ragaa gandarraa dhiheeffatu sababa hin dhiheeffanne jedheef murtii Kibxata kanatti beellamee kan ture. Xilahun Yaamii sababoota adabbii naaf hir’isan jedhu Hawaasa keessatti amala gaariin qaba, maatiin gargaara, sababa hin baranneefin yakka raawwadhe kan jedhuu dhiheesse.

himatamaan Kabbadaa Gammachuu meeshaa waraanaa Seran alaa hidhachuun faayidaa hin malle argachuf jecha yakka keessatti hirmaannaa godheen hidhaa cimaa waggaa 18 akka adabamu itti murteesseera.

Himatamaa sadaffaa Abdii Alamaayyoo ammoo yakki raawwatame odeefannoo kennuu dhiisuu isaatiin akkasuma balaa ajjeechaa sana booda ture hambisuuuf gumaachuu osoo danda’uu osoo hin raawwatin waan hafeef jecha hidhaa salphaan ji’a jahaa itti murtaa’eera.

Adabbiin namoota sadan irratti darbe guyyaa too’ataman Irraa kaasee waan lakkaa’amuuf himatamaa sadaffaa Abdii Alamaayyoo yeroo adabbii isaa xumuree waan jiruuf yakka biraatiin yoo barbaadameen ala hidhaadhaa akka gadhiifamu manni murtii ajajeera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *