“Woraanni Itoophiyaa naannicha lakkisee bahuun faayidaas miidhaas qaba”-dhalattoota Tigraay

 Finfinnee,Waxabajjii 23/2013 ( Yeroo ):-

Woraanni biyyattii Naannoo Tigraay gad lakkisee bahuun isaa akkuma faayidaa qabu miidhaas qabaachuu dhalattoonni Naannoo Tigraay Magaalaa Finfinnee jiraataniifi yaada isaanii Yeroo Miidiyaaf kennan dubbatan.

Obbo Hagoos Taklaay dhalataa naannichaa magaalaa Finfinnee naannoo Boolee Bulbulaa jiraatanidha.Obbo Hagoos “Mootummaan odoo naannicha gad lakkisee hin baaneen dura ummata naannichaa fi qaama hidhate waliin karaa garaa garaatiin marii bal’aa adeemsisuu fi haal-durees kaayuu qaba ture “,jedhaniiru.

Kun ta’uu dhabuun garee TPLF tti olaantummaan hin malle akka dhagahamu taasisuu fi garichi qaamota gaafa woraanni mootummaa naannicha keessa ture deeggarsa taasisan ykn cal jedhanii turan irratti miidhaa geessisuu ni danda’a jechuun shakkii isaanii ibsaniiru.

Mootummaan murtii naannicha gadi lakkisee bahuu odoo hin labsineen dura karaa qaamota garaa garaatiin garicha faanaa mariin adeemsisuun haal-dureewwan kaayuun akka isa irra tures Obbo Hagoos hubachiisaniiru.

Obbo Fiissahaa Barhee ammoo dhalataa naannichaa magaalaa Finfinneetti hojii mootummaarratti bobba’anidha.Isaanis tarkaanfiin fudhatame rakkoo caalaa uumamuu malu kan oolche yoo ta’es walitti dhufeenya ummata Tigraayii fi ummattoota Itoophiyaa gara fuula duraa irratti garuu miidhaa dafee hin fayyine uumuu ni danda’a jedhaniiru.

Irra jireessi ummata Tigraay tokkummaa Itoophiyatti akka amanuu fi jaalala biyyaas akka qabu kan himan Obbo Fiissahaan ,dhimma tokkummaa biyyaa irratti mariin taasifamuu dhiisuufi haal-dureen kaayamuu dhiisuun gareen TPLF ummaticha dogongorsuun naannicha Itoophiyaa irraa adda baasuuf akka hojjatu kan gargaaru ta’uus shakkii qaban ibsaniiru.

Obbo Haddush Tikku’i magaalaa Finfinnee tti konkolaachisaa taaksii dhuunfaa isaanii ti.Erga mootummaan naannicha gad-lakkisee bahuu labsee kaasee namootni tokko tokko dhalattoota naannichaa ija shakkiitiin ilaaluu jal-qabuu natti himaniiru.

Ibsi ummatni Tigraay TPLF gargaaruun Raayyaa Ittisa Biyyaa kan woraane fakkeessuun qondaaltota mootummaatiin kennamaa jiruu fi ololli namoota aktiivistii ofiin jedhan tokko tokkoon ummata Tigraay irratti oofamaa jirus dhalattoota naannichaa biyyattii keessa bakka garaa garaa jiraatan irratti dhiibbaa uumaa jiraachuu Obbo Haddush kaasaniiru.

Ammas taanaan dhimma tokkummaa fi birmadummaa biyyaa irratti dhalattoota naannichaa,sabaafi sab-lammoota biyyattiitiifi TPLF dabalatee dhaabbilee siyaasaa waliin mariin bal’aan taa’amuu akka qabu namootni yaada naaf kennan kunniin dhaamaniiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *