Mootummaan Itoophiyaa Naannoo Tigraayitti dhukaasa dhaabuu labse

 Finfinnee,Waxabajjii 21/2013 ( Yeroo )

Rakkoon nageenyaa Naannoo Tigraay keessa jiru furmaata argachuu mannaa yeroo gara yerootti caalaa hammaachaa dhufuun ni beekama.

Kun ta’uunis humnaa fi xiyyeeffannoo mootummaa qisaasesuu bira darbee qaamotni alaa hedduun mootummaa irratti karaa garaa garaatiin dhiibbaa biyyaa fi ummata miidhu akka taasisaniif balbala baneera.

Fakkeenyaaf Ameerikaa fi Komishiiniin Gamtaa Awuroppaa deeggarsaa fi tumsa biyyattiif taasisan hir’isaniiru ykn dhaabaniiru.

Kana biras darbee Mootummaan Ameerikaa qondaaltota mootummaa Federaalaa fi qondaaltota nageenyaa Naannoo Amaaraa irratti qoqqobbii viizaa kaayuun ni yaadatama.

Kanuma irraa ka’uunis qaamotni garaa garaa mootummaan rakkoo wal-xaxaa naannichatti mudate mariin akka hiiku gorsaa turaniiru.

Bulchiinsi yeroo naannoo Tigraay kan Dr Abraaham Balaayiin durfamus Mootummaan Federaalaa waliigaltee dhukaasa dhaabuu akka taasisu ifatti gaafateera.

Mootummaan FDRI gaaficha bu’uureffachuu fi yeroon kun yeroo qonnaan bultoonni omisha gannaaf bal’inaan itti hojjetan ta’uu isaa xiyyeeffannoo keessa galchuun Waxabajjii 21 bara 2013 irraa eegalee dhukaasa dhaabuu karaa Waajjira Ministira Muummeetiin halkan kana labseera. 

Dhaabbileen nageenyaa Fedeeraalaa fi Naannoo akkanumas lammiileen kallattii yeroo yeroon kennamu hordofuun labsicha akka hojiirra oolchuu qabanis ibsi Mootummaa Federaalaarraa kenname beeksiseera.

Humni TPLF galgala kana Magaalaa Maqalee toowachuu akka hin oollee fi caasaan bulchiinsa Yeroo Naannichaa fi caasaan nageenyaa mootummaa federaalaa ammoo magaalicha lakkisanii bahaa jiraachuu odeeffannoon bahaa jiru ni muldhisa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *