Lakkofsi lammiilee kaardii filannoo fudhatanii kan eegamee gadi-BFB

Finfinnee, Eebila 6, 2013 (Yeroo ) – 

Guyyaan kaardiin filannoo itti fudhatamu xumuramuuf guyyootni torba qofa kan hafan ta’us Lakkofsi lammiilee kaardii filannoo fudhatanii gar-malee kan eegamee gad ta’uu wolitti qabduun Boordii Filannoo Biyyaalessaa Birtukaan Miidhaksaa dubbatan.

Kanas hanga ammaatti magaalaa Finfinneetti filattoonni kumni dhibba 

2 fi 903 qofti kaardii filannoo fudhachuusaanii eeruun lakkofsi lammiilee hanga ammaatti kaardii filannoo fudhatanii hangam gadaanaa fi yaachisaa akka ta’e ibsaniiru.

Buufataalee filannoo kuma 50tti siiqanitti filattoota galmeessuuf karoorfamus hanga ammaatti buufataalee filannoo kuma 25fi 151 qofarratti galmeen filattootaa gaggeeffamaa jiraachuu wolitti qabduun boordicha himaniiru.

Guyyaa kaleessaa Boordiin Filannoo Biyyaalessaa  paartilee Siyaasaa marsaa 6ffaa irratti morkatan waliin adeemsa galmee filattotaafi rakkolee muudatan irratti mari’atee ture.

Maricha irrattis, sababa dhabamuu nageenyaatiin bufataalee filannoo kuma 4fi 126 irratti galmeen filattootaa gonkumaa akka hin raawwatamne Aadde Birtukaan beeksisaniiru.

“Naannolee filannoo 674 keessatti buufataalee filannoo kuma 50tti siiqan irratti filattootaa galmeessuuf karoorfamus hanga ammaatti buufataalee filannoo kuma 25fi 151 qofarratti galmeen filattotaa gaggeeffamaa jira”,jechuun rakkoon mudate yaachisaa ta’uu Walitti qabduun Boordichaa Aadde Birtukaan Midhagsaan himaniiru.

Ministirri Muummee Dr Abiyyi Ahmadis yaaddoo wolitti qabduu Boordichaa kana hordofuun lammiileen mirga demokiraasii isaaniitti fayyadamuun caardii filannoo akka fudhatan waamicha dhiheessaniiru.

Jiraattonni Naannoo Oromiyaa dhimmicha ilaalchisuun dubbisne tokko tokkos yaada nuu kennaniin Paartileen Oromoo jajjaboon dorgomicha keessaa bahuusaaniitiin hanga ammaatti kaardii filannoo akka hin fudhanneefi sosochiin jirus qabbanaayaa ta’uu dubbataniiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *