Horro-Guduruu Wollaggaatti namootni nagayaa 22 ajjeefamuun himame

Aggaammii Sanbata Xiqqaa darbe galgala keessa hidhattoonni Horro-Guduruu Wollaggaa aanaa Abe-Dongoroo ganda Daabis keessatti raawwataniin namootni nagayaa 22 ajjeefamuu bulchaan godinichaa Obbo Baqqalaa Dachaasaa Yeroo Miidiyaatti himaniiru.

Ka’umsaa fi adeemsa ajjeechaa raawwatamee qaamni olaanu yeroo gara biraa ibsuu ni danda’a kan jedhan Obbo Baqqalaan ammaaf tarkaanfiin barbaachisu hundi fudhatamaa jiraachuu dubbataniiru.

Aggaammii kanaan daa’imman,dubartootniifi manguddoonni haala sukkanneessaa ta’een ajjeefamuus Obbo Baqqalaan eeraniiru.

Mallattoowwan aggaammichi dhalattoota saba biroo achitti jiraatan irratti xiyyeeffachuu akeekan jiraachuus bulchichi hubachiisaniiru.

Komishiinarri Komishiinii Poolisii Oromiyaa Araarsaa Mardaasaa gamasaaniin,,yeroo ammaa polisiin naannichaa hidhattoota badii kana raawwatan irratti tarkaanfii fudhachaa jiraachuu himanii,miidhaa lammiilee irratti raawwatameef gaddasaanii ibsaniiru.

Aggaammicha uummata irratti kan raawwate ABO Shaneedhas jedhaniiru ,Komishiner Araarsaa Mardaasaan.

Qaamotni lakkofsi namoota ajjeefamanii 60 oli ta’a jedhanis jiraachuu hubanneerra.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *