Godinaalee Wallaggaatti Galmeen filattootaa xumuramuun ibsame

 Finfinnee, Caamsaa 14, 2013 (Yeroo ) –

Sababa rakkoo nageenyaatiin booddeetti hafee kan eegalame galmeen filattootaa Godinaalee Wallaggaa Arfanitti gaggeeffamaa ture guyyaa kaleessaa xumuramuu Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa beeksise.

Haaluma kanaan,Wallagga Lixaa ( Naannoo filannoo Beegii fi Gabaa Wixataa irraa kan hafe), Wallagga Bahaa (Naannoo filannoo Ayyaanaa fi Galiilaa irraa kan hafe), Qellam Wallaggaa (Naannoo filannoo Gidaamii irraa kan hafe) fi Horroo Guduruu Wallaggaatti ( Naannoo filannoo Aliiboo fi Kombolchaa irraa kan hafe) galmeen filattootaa naannoo filannoo  24 irratti gaggeeffamaa ture guyyaa kaleessaa xumuramuu boordichi hubachiiseera.

Haata’uutii malee,godinaalee kanneen keessatti nama meeqa galmeessuuf akka karoorfamee fi namni meeqa ammoo galmaayee kaardii filattummaa akka fudhate boordichi hin ibsine.

Rakkoo nageenyaa hammaataa  yeroo ammaa Lixa Oromiyaa jiru bu’uureffachuun haala qabatamaa amma jiruun naannichatti filannoo adeemsisuun gar-malee ulfaataa akka ta’u dhalattoonni naannichaa Finfinnee jiraatan tokko tokko natti himanii jiru.

Rakkinichas bifa waaraan furuuf furmaanni gadi taa’anii mari’achuu malee filannoo akka hin taanes namootni yaada naa kennan kunniin kaasaniiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *