Aksuumitti namootni nagayaa 100 oli woraana Eertiraatiin ajjeefamuun ibsame

Finfinnee, Bitootessa,15/2013 ( Yeroo

Naannoo Tigraay Magaalaa Aksuumitti Sadaasa 19 fi 20 namootni nagayaa 100 oli woraana Eertiraatiin ajjeefamuu mirkaneeffachuu isaa Komishiiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa beeksise.

Kunis Magaalichaatti dhiibbaan mirga namoomaa hamaani raawwatamuuf ragaa quubsaa ta’uu eeruun guutummaa naannichaatti qorannoo guutuu hojjachuun barbaachisaa ta’uu Komishiinichi hubachiiseera.

Ogeeyyonni Komishiinichaa turtii Gurraandhala 20-Gurraandhala 26/2013 Magaalaa Aksuumitti taasisaniin maatii miidhamtootaa 45,ragaalee fi abbootii amantaa dubbisuusaanii akkanumas hospitaalota,dhaabbilee amantaatiifi qaamolee garaa garaa irraa ragaaleen sagaleefi fakii funaanamuu ibsi Komishiinichaa ni mul’isa.

Kana irraayis ka’uun laakkofsi gabaasichaan eerame lakkofsa namoota miidhaan irra gahee kan wolii galaa osoo hin taane lakkofsa hanga ammaatti mirkaneeffate akka ta’es Komishiiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa hubachiisee jira.

Sarbiinsi Mirga namoomaa Magaalichatti raawwatame yakka salphaa odoo hin taane yakka woraanaa ta’uu akka danda’us Komishiinichi akeekkachiiseera.

Ammas taanaan tarkaanfiiwwan maqaa seera kabachiisuutiin fudhataman badiinsa lubbuu fi hir’ina qaama namootaatiif sababaa ta’aa waan jiraniif dhaabachuu akka qaban Komishiinichi waamicha dhiyeessee jira.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *