Paartii Sab-daneessummaa jajjabeessutu filannoo keenya-jiraattota Naannoo Oromiyaa

Finfinnee,Ebla,3/2013 ( Yeroo )-

Paartiin eenyummaafi wal-qixxummaa sabaafi sab-lammootaa,mirga afaaan ofiitiin barachuufi tajaajilamuu kabachiisuufi kabaju filannoo isaanii ta’uu jiraattonni Naannoo Oromiyaa yaada isaanii Yeroo Miidiyaaf kennan dubbatan.

Jiraattonni kunniin akka jedhanitti, paartiin maqaa fi gaafii Oromoo qabatee filannoo Biyyaalessaa marsaa 6ffaa irratti naannichatti dorgomu yoo hin jiraannees fedhiin isaanii inni dhugaa paartii sab-daneessummaa jajjabeessuufi wal-qixxummaatti amanudha.

Sababaa kanaanis hanga ammaatti paartii isa kam akka filatan murteessuu akka hin dandeenye himaniiru.

Paartiin Badhaadhinaa hoo sab-daneessummaa hin jajjabeessuu?inni akkamitti filannoo keessan ta’uu dhabe jennee kan gaafanne yaada kennitoonni kunniin,Badhaadhinni gaafa maqaa sabaa ofirraa mulqee kaasee paartii sab-daneessummaa jajjabeessu nutti fakkaachuu dhiiseera jedhaniiru.

Paartileen mirgaa fi faayidaa Oromootiif qabsaayan kanneen akka ABO fi KFO filannicha irratti hirmaachuuf fedhii dhabuuniifi filannicha irratti hin hirmaannu jechuun isaanii carraa filannoo isaanii akka dhiphiseefi bita akka isaanitti ta’es nutti himaniiru.

Gaafii Sab-daneessummaa jajjabeessuun dabalatatti paartii dhimma maali irratti hojjatu filattan jechuun gaafanneefis,”silaa filannoo keessa jiraatee,paartii nageenyaa fi tasgabbii kabachiisuufi mirga nagayaan bayanii galuu mirkaneessuu.Paartii qaalayiinsa jireenyaa hammaateef furmaata waaraa uumuufi lammiileef carraa hojii wabii qabu uumu.Akkanumas paartii lammiileen mirga bakka jiraachuuf barbaadanitti mana jireenyaa mataasaanii akka qabaataniif hojjatutu filannoo keenya “jechuun deebisaniiru.

Paartiin ulaagaalee eertan bakka tokkotti guutu ammaaf dorgomtoota keessa jiraayii jechuun gaafii dhiyeessineef, “hin jiru “ nuun jedhaniiru.

Nutis eegasiiyyuu maali yaadduree jennaan,” bayyee badaa mannaa badaa woyya waan ta’eef, isaan carraa dorgomuu argatan keessaa bir-qabaan Badhaadhinna hin woyyin hin hafu” ,jechuun yaada isaanii laataniiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *