Bulchiisni Magaalaa Finfinnee namoota daandii irra jiraatan kaasaa jira

Bulchiisni Magaalaa Finfinnee namoota daandii irra jiraatan kaasaa jira.

Nasir Husen

Finfinnee (Yeroo) Onkololeessa 29/2013

Rakkoo nageenyaa wolitti bu’iinsa Mootummaa Federaalaatiifi Bulchiinsa Naannoon Tigraay jiddutti uumame hordofee Bulchiisni Magaala Finfinnee namoota jiruusaanii daandii irra taasisan hunda kaasaa akka jiru qondaalli Mootummaa maqaan isaanii akka dhahamu hin barbaadne Yeroo Miidiyaatti himanii jiru.

Qaamoleen hidhatan jarreen kanneen fakkaatanii hawaasarraan miidhaa akka hin qaqqabsiifne yaaduun gara tarkaanfichaatti akka galames qondaalli kun eeranii jiru.

Duula kanaanis namootni otoo mana qaban jiruusaanii daandiiwwan magaalichaarra taasifatan marti gara manasaaniitti kan deebifaman yoota’u,kanneen iddoo jiraatan hin qabne immoo gara iddoo turmaataa mootummaan qopheesseetti geeffamu jedhamee jira.

Dheengaddaafi kaleessa  namootni 162 Addi Bilisa Baasaa Uummata Tigraay hidhachiisee bobbaase jedhaman meeshaalee woraanaa 300 oli ta’u woliin magaalicha keessatti toowatamuusaanii poolisiin Magaala Finfinnee beeksisuun isaa ni yaadata.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *