Mootummaan rakkoo Naannoo Tigraayitti uumaameef furmaata siyaasaa barbaaduu qaba jedhame

Finfinnee,Muddee 10/2013 ( Yeroo )-

Rakkoo nageenyaa Naannoo Tigraayitti uumame humna woranaatiin hiikuun akka hin danda’amne hubachuun mootummaan furmaata siyaasaa barbaaduu akka qabu qondaalli Bulchiinsa Yeroo Naannichaa maqaan kiyya hin dhayamin naan jedhan hubachiisaniiru.

“Nutis taanee mootummaan federaalaa erga TPLF barbadaa’een booda naannichatti akka salphatti nageenyaa fi tasgabbiin ni uumama ,uummatnis hammeenyummaa TPLF hubachuun nu faana ni hiriira nutti fakkaatee ture.Haata’uutii malee,Har’a ji’a torba boodas rakkoon caalaa hammaate malee wonti yaadame ta’uu hin dandeenye”,jechuun falli furmaata siyaasaa qofa ta’uu akeekaniiru.

Yeroo ammaa dargaggeessi naannichaa abdii qondaaltotni Bulchiinsa Yeroo Naannichaa isaan keessatti horuuf yaalan dalgatti dhiisuun halkaniin gara gammoojjiitti baqachaa jiraachuu kan himan qondaalli kun,sababa kanaanis dargaggeessa magaalotaa fi gandoota baadiyyaa naannichaa keessatti arganii woliin mari’achuun dharraa ta’eera jedhaniiru.

Woraanni Eertiraa uummata Tigraay irratti tarkaanfii sukkanneessaa gar-jabinaan guuttame raawwateera kan jedhan keessummaan keenya kun,qondaaltonni Bulchiinsa Yeroo Naannichaas gochaa uummata naannichaa irratti woraana biyya ormaatiin raawwatame kanaan hedduu akka gaddan ibsaniiru.

Hanga ammaatti humna woraanaa fi wol-tajjiiwwan garaa garaatti dhimma bahuun uummataa fi garee TPLF addaan kutuuf yaalamuu ka yaadachiisan qondaaltichi,”kun hunduu bu’aa yaadame fiduu waan hin dandeenyeef furmaatni siyaasaa barbaadamuun dirqama yeroo itti ta’u irra gayameera jedheen amana”jedhaniiru.

Furmaatni siyaasaa kun waan akkamiiti jechuun gaafii gaafanneefis,”tokkummaa biyyaatii fi nageenya uummataaf jecha qaama kamiiyyuu woliin taa’anii mari’achuudha “ ,jechuun deebisaniiru.

Kanaafis aarsaa tokkummaa biyyaa eegsisuuf jecha biyya Hindiitti kutaalee bulchiinsa biyyattii lama keessatti kanfalamee fi mirga filatamuu,filachuu fi abbaa lafaa ta’uu dhalattoota kutaalee kanneenii qofaaf laatu akka fakkeenaatti kaasaniiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *