Laggasaa Wagii ajjeefamuun dura MM Abiy ABO’f odeeffannoo kennuu dhaabichi mirkaneesse

Yeroo Magazine (Yeroo.org) Laggasaa Wagii ajjeefamuun dura MM Abiy ABO’f odeeffannoo kennuu dhaabichi mirkaneesse.

Ministirri Muummee Abiy Ahimad waggoota 11 dura haleellaa mootummaan hogganaa waraana ABO gama Lixa biyyattii Laggasaa Wagii irratti yaade dursanii hoggantoota dhaabichaaf gurra buusu dhaabichi hime.

Dhaabni ABO ibsa kaleessa galgala (Jimaata) baaseen dhimma Ministirri Muummee irra -deddeebbiin dubbatan yeroo mirkaneessu kuni kan duraati.

Laggasaa Wagiin Adoolessa bara 2008 kan ajjeefame yoo ta’u haala ajjeechaan itti raawwate dokimantariin hojjeetame yeroos miidiya biyyaalessaa irratti darbuun isaa ni yaadatama.
Gidduu kana MM Abiy hoggantoota kaan waliin ta’un hookkara torban darbe lubbuu namoota 78 galaafate tasgabbeessuuf qaamolee hawaasaa waliin marii gaggeessaa turan.

Waltajjii kanneen irrattis dhimmoota mariin ala walitti dhufeenya isaan dhaaba buufata isaa Ertiraa godhate waliin qaban dubbataniiru.

Waltajjii magaalaa Harar taasifame (Roobii) irratti wanta dhimma kana akeeku kan dubbatan yoo ta’u marii magaalaa Amboo (Kamisa) irrattis dhimma Laggasaa kaasuutu dhagahame.
Dhaabni maal jedhe?

Yeroo MM Abiy dhaabbata Eejansii Nageenya Netwoorkii Odeeffannoo (INSA) hojjetaa turan gama Lixa biyyattii waraana ABO irratti mootummaan duula gaggeessuuf akka jedhu dubbachuu hima ibsi dhaabni kaleessa baase.
Akka ibsi bahe jedhutti yeroos Obbo Abiy nama tikaa mootummaa keessa hojjetuufi Jarman tureen Hayyu Duree ABO Obbo Daawud Ibsaa dubbisaniiru.

”Haasawa sana keessatti Jaal Laggasaa Wagii ajjeesuuf akka hordoffiin gaggeeffamaa jiru odeessaa fi yaada qabu Jaal Daawuditti himuun isaatis dhugaa dha,” jedha ibsi bahe.

Kanaan alatti, deeggarsa maallaqaa gochuu isaanii dhaabichi quba hin qabu jedheera.

Itti fufuun, hogganana dhaabicha Laggasaa Wagiin lubbuu akka of oolchu itti himanis murtii ofii fudhachuu hima.
”..loltoota ajaja isaa jala jiran kan bakkoota adda addaatti bobbaasee jiru marfama diinaa keessatti, naannichas diinaaf dhiisee bakka sana kan gadi hin lakkisne tahuu isaa beeksisuudhaan murtii fudhate,” jedha.

Ibsa kana keessatti gahee yeroos MM Abiy taasisan biratti har’as wal – ta’umsaan mootummaan amma jiru dhaaba ABO waliin hojjechuu irratti hanqinni akka jiru eereera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *