Qondaaltota seera kabachiisuu dadhaban irratti tarkaanfiin ni fudhatama-Dr Abiyyi Ahmad

Finfinnee (Yeroo) Muddee 13/2013

Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad gara Naannoo Benishaangul Gumuuz imaluun jiraattota Godina Matakkal waliin miri’ataniiru.

Woyituma kanas qondaltota naannoleefi federaalaa seera kabachiisuu dadhaban irratti tarkaanfiin akka fudhatamu dubbatan.

Rakkoo nageenyaafi wolitti bu’iinsa Matakkalitti irra-deddeebiin uumamaa jiru bifa waaraan furuufis araarri nagayaafi kallattiiwwan gara biroo kaayamuu Muummichi Ministiraa himanii jiru.

Maricha irratti Ministira Nageenyaa adde Mufariyaati Kaamiliifi itaamaajor shuumii raayyaa ittisa biyyaa Generaal Birhaanuu Juullaa dabalatee qondaaltonni mootummaa hedduun hirmaataniiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *