Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii ejjennoo Naannoo Tigraay ilaalchisee qabu haala gaariin jijjiiruu himame

Finfinnee,Eebila,19,2013(Yeroo )

Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii ejjennoo dogongoraa naannoo Tigraay ilaalchisee qabu haala gaariin jijjiiruusaa Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa beeksisee.

Dhaabbatichi haala qabatamaa naannoo Tigraay ilaalchisee ibsa baaseen ejjennoo dogongoraa naannicha ilaalchisee  kana dura qabu  bifa gaariin akka jijjiire ibsuu isaa dubbii himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muftii miidiyaaleef himaniiru.

Dhaabbatichi haala qabatamaa naannoo Tigraay hubachuu bira darbee birmadummaa fi bilisummaa Ityoophiyaa kan kabaju ta’uu ibsuusaas Ambaasaaddar Diinaan eeraniiru.

Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii sadarkaa kanaan dhimma Naannoo Tigraay irratti ejjannoo isaa jijjiiruun Itoophiyaaf faayidaa maali qaba jennee kan gaafannee hayyuun Saayinsii Siyaasaafi Qunnamtii Idil-addunyaa Dr Dammaqee Achisoo,”dhiibbaa dogongoraafi sirrii hin taane kan biyyotni lixaa biyyattii irratti taasisan laaffisuun deeggarsa gama hundaan qabbanaayee ture deebisee itti fufsiisa “,jedhaniiru.

Dabalataanis,shakkii qaamonni biyya keessaa tokko tokko mootummaa irratti qaban hir’isuun siyaasa duudhatamee ture akka furus kaasaniiru.

Jijjiirraan ejjannoo Dhaabbatichi tibbana taasise kun Mootummatti hamilee horuun caalaa cimee akka hojjatuuf kan gargaaru ta’uu bira darbee gara fuula duraatiif adeemsa siyaasa addunyaa irratti muuxannoo gaarii akka ta’uus Dr Dammaqeen natti himaniiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *