Pireezindantiin Ameerikaa Doonald Traamp vaayrasii koronaatiin qabaman

Pireezidantiin Ameerikaa Doonald Traampii fi haati manaa isaanii COVID -19dhaan qabamuun isaanii filannoo biyyoolessaa ji’a Sadaasaa keessa taasifamuuf dhiibbaa guddaa uumee jira. 

Pireezidaantichi hojii manaan ala hojjatamu hunda akka addaan kutanii fi torbeen kana keessa akka adda of baasani mana turan ifa ta’ee jira. 

Doktoriin Wayit Hawus Siyaan Koonoliy,  “Traamp jeequmsa tokkoo malee hojii ofii hojjachuu ni danda’u” jedhu. 

Garuu Pireezidaantichi hammaan oli furdaa fi umuriin isaanii wagga 74 dha. Namoonni tokko tokko akka jedhanitti, Traamp  dhibee kanaan waan midhamuuf filannoo dorgommii yeroo lamaffaa kana ni haqa jedhanii yaadu.

Yoo Traampi fayyaa ofii hin sirreessine ta’e, itti aanaan isaa Mayik Peensi Pireezidaantii ta’a.

Hanga guyyaa har’aatti, namoonni miliyoona 1.2 ta’an dhibee COVID-19 irraan kan ka’e du’aniiru. Namonni miliyoona 35 caalan immoo dhibichaan qabamaniiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *