Rakkoo nageenya Itoophiyaa waaraan furuuf Qindoominaan hojjatamuu qaba -Dr Dammaqee Achisoo
Finfinnee ( Yeroo) Muddee 15/2013
Rakkoo nageenyaa woggoota lamaan darbanii asi Itoophiyatti mul’achaa jiru furuuf maalitu mala jechuun Yeroo Miidiyaan ,Yunivarsiitii Finfinneetti barsiisaafi qorataa Saayinsii Siyaasaa fi qunnamtii idil-addunyaa kan ta’an Gargaaraa Pirofeesaraa Dr Dammaqee Achisoo waliin addatti turtii taasiseera.
Yeroo:- Dr Dammaqee Achisoo,rakkoofi furmaata nageenyaa Itoophiyaarratti Yeroo Miidiyaadhaaf yaada xiinxalaa kennuuf tole waan jettaniif maqaa dubbistoota keenyaatiin ulfaadhaa jechuun barbaada!
Dr. Dammaqee:-isinis ulfaadhaa!!
Yeroo:- rakkoo nageenyaa Itoophiyaa iddoo tokko tokkotti woggoota lamaan darbanii asi mul’achaa jiru waaraan furuuf maalitu mala?
Dr. Dammaqee:-nageenyi bu’uura waan hundaati.Nageenyi hin jiru taanaan waan biraa mitii carraan lubbuun jiraachuus dhibuu ni danda’a.Lubbuun jiraannaanis fedhiin wontoota bu’uura jireenyaaf barbaachisoo ta’aniif namoonni rakkoo nageenyaa keessa jiran qabaatan ni du’a.
Jiruufi jireenya ilma namaa keessatti wonti qixa nageenyaa bu’uura ta’e tokkollee hin jiru.Kanaaf ,tokkoon tokkoon keenya,mootummaan,miseensotniifi geggeesitootni dhaabbilee siyaasaa ,dhaabbileen mootummaafi miti-mootummaa,walumaa galaan qaamni hundi waan kamiyyuu caalaa nageenya biyyasaaf qindoominaan waardiyaa dhaabbachuu qabna.
Yeroo:adeemsa nageenya uumuus ta’ee itti fufsiisuu keessatti mootummaan addatti maali gochuu qaba?
Dr. Dammaqee:-hojiin mootummaa inni bu’uuraa nageenya lammiiwwanii eegsisuufi mirga nagayaan bayanii galuu mirkaneessuudha.Mootummaan hojii bu’uuraa kana daqiiqaa tokkoofis dagachuus ta’ee mariif dhiheessuu hin qabu.Mootummaan dhaabbilee demokiraasii bu’uuressuufi akka cimaniifis haala mijeessuutu isarraa eegama.
Yeroo:-dhaabbilee siyaasaa biyyattii irraa maaltu eegama?
Dr. Dammaqee:-dhaabbileen siyaasaa karaa nagayaan qabsaayuuf galmaa’anii socho’uu irratti argaman hundinuu seeraafi heera biyyattii akkanumallee danbiifi qajeelfama Boordii Filannoo Biyyaalessaa hordofuun qofa socho’uu qabu.Qabsoo isaanii karaa nagayaan qofa oofutu isaan irra jiraata.Miseensotaafi deeggartoota isaaniis gara qabsoo nagayaatti gorsuu qabu.
Yeroo:-Gaheen hawaasaa hoo maali ta’uu qaba jettu?
Dr. Dammaqee:-yoo nageenyi booraye worreen nagaya booressan ykn qaamota duubaan ta’anii rakkoo qindeessaniifi shira xaxan caalaa kan miidhamu hawaasa bal’aadha.Yoo nageenyi jiraates hawaasatu fayyadama.Kanaafuu,ummatni nageenyi akka hin boorofne cichee hojjachuu qaba.Kana qofa odoo hin taane mootummaa cinaa hiriiruun nagaya isaatiif hojjachuu qaba.Namoota eega rakkoo uumaniin booda maqaa sabaatiin ykn maqaa amantiitiin uummata dawoo godhachuu barbaadaniifis uummatni dawoo ta’uu dhiisee saaxiluu qaba.
Yeroo:-nageenyi biyyaa akka jiraatuufi hiddas akka godhatu hayyootni maali gochuu qabu?
Dr. Dammaqee:-hayyootni woyita carraa argatanii miidiyaa irratti dhiyaatan dogongoraanis waan uummata walitti buusu dubbachuu hin qaban.Hayyootni waa’ee nagayaa,waa’ee jaalalaa waa’ee araaraa,waa’ee dhiifamaafi kkk irratti xiyyeeffatanii dubbachuu qaban.Hayyootni barnootaafi muuxanoo qabaniin nama kaan caalaa rakkoo woyita nageenyi boorayu uumamuu malu tilmaamuu danda’u waan ta’eef ,uummata isaanii faayidaa nageenyi qabu barsiisuufi gorsuus qabu.
Miidiyaaleenis woyita rakkoon uumamu qofa yaada hayyootaa barbaacha kaachuu mannaa Yeroo nageenyi jirus hayyootni faayidaa nageenyaa irratti akka dubbatan haala mijeessuu qabu.
Wolumaa-galaan rakkoo nageenya biyyattii bifa waaraan furuufi akka itti-fufiinsa qabaatu taasisuuf qaamotni hundi qindoominaan hojjachuu qabu.
Yeroo:-yaada keessaniif galatoomaa
Dr. Dammaqee:-isinis galatoomaa