Gaazexeessaafi qorataan afaan Oromoo Ibraahiim Haji Alii boqate

Finfinnee ( Yeroo )Muddee 14, 2013 Gaazexeessaa, Artiistii fi qorataan Afaan Oromoo Ibraahiim Haji Alii boqate.

Sirni awwaalcha isaas har’a waaree booda raweatameera.

Gaazexeessaa,nama aartiifi qorataa Afaan Oromoo kan ture Ibraahim Haji Alii,ji’oota muraasaa asi dhukkubsatee yaala irra kan ture yoo ta’eyyuu halkan edaa lubbuun isaa darbuu odeeffanne.

Ibraahiim Hajii abbaa ogummaa hedduu yoo ta’u,meeshaalee muuziqaa gosa 4 ol taphachuu akka danda’u,sirboota baaqee hedduu sagaleesaatiin akka sirbeefi wolaloo hedduus weellistootaf kennuusaa seenaan jireenyasaa ni hima.

Ibraahim,dhaloota 2ffaa Baandii Arfan Qalloos ture.

Diigamuu Baandiin Arfan Qalloo hordofee ogreessota bara 1967/68 Baandii Aduu Birraa hundeessan keessaas tokko ture.

Ibraahiim Haji Aliin ,umriisaa dargaggummaatti magaalaa Dirree Dawaatti muuziqaa kan eegale yoo ta’u,
kilabii magaalaa Dirree Dawaatiif taphataa kubbaa miillaa akka tures himama.

Ibraahiim Haji Aliin bara 1968 woyita Gaazexaan Bariisaa hundeefamus hundeessitoota keessaa tokko akka ture gaazexeesitoonni gaazexaa Bariisaa Yerootti himaniiru.

Bara Dargii keessa Gaazexichi qubee Saabaatiin barreeffamaa turuun isaa kan yaadatamu yoo ta’u,Kufaatii Dargiitin booda garuu Qubee Afaan Oromootin akka barreeffamuuf Ibraahim gumaacha taasisuusaa gaazexeesitootni yeroof yaadasaanii kennan kunneen eeraniiru.

Ibraahim woyita Raadiyoo Faanaan bara 1987 hundeeffamus worreen hundeessan keessaa nama tokko ture.

Ibraahiim Haji Aliin ,Faanaa keessatti raadiyoodhan sagantaalee addaddaa qopheessuu fi gulaaluun kan hojjate yoo ta’u,Sagantaan “Faana Afaan Oromoo” sagantaa bifa addaan inni Oromoota hedduu biratti ittiin yaadatamudha.

Awwaalichi isaas guyyaa har’aa bakka maatiin,firootniifi jaalattootni isaa hedduun argamanitti magaala Finfinnee iddoo awwaala musliimaa Kolfetti raawwatameera.

Yeroo Miidiyaanis maatii,firootaafi jaalattoota isaatiif jajjabina hawwa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *