Dhaabbilee Adda Bilisa Baasaa Uummata Tigraay 34 uggursiisuusaa Abbaan Alangaa Federaalaa beeksise

Dhaabbilee Adda Bilisa Baasaa Uummata Tigraay 34 uggursiisuusaa Abbaan Alangaa Federaalaa beeksise.

Finfinnee (Yeroo) Sadaasaa 18, 2020

Suur konstiraakshiin,Dhaabbatni daldala,Gunaa,Tirasnsi Itoophiyaa,Masfiin Indastiiriyaal Injineriing,Waldaa Geejjibaa Salaam,Maxxassa Meeggaa,Efarti Waldaan Dhuunfaa itti gaafatamummaan isaa murtaayeefi Efarti Elektiriikaal Bizinas dhaabbilee mallaqni isaanii jalaa uggurame keessaa garii isaaniiti.

Dabalataanis Misoomni albuuda Iizaanaa,Veeloosiitii Appiraayiz,Dhaabbatni ijaarsa Masoboo,Saabaa Istoon,Effi Ekispiras,Meeggaaneeti Korporeeshiinii fi Kaatiriinaa Sheebaa Tanasriinamis dhaabbilee ugguraman keessatti argamu.

Abbaa Alangaa Federaalaatti daayirektar generaala horii yakkaan argamee kan ta’an Obbo Alamantee Aggidawu akka jedhanitti mallaqni maqaa dhaabbilee kanniiniitiin baankota hunda keessa jiru ugguramee jira.

Abbaan Alangaa Federaalaa dhaabbilee fasyinaansii kanneen yakka aggaammiiwwan sabummaarratti xiyyeeffachuudhaan biyyattii keessatti mudachaa jiran mallaqaan gargaaruufi qabeenya karaa yakkaan argame seera qabeessa fakkeessanii dhiyeessuun akka isaan shakkes beeksisee jira.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *