Hiriirri garee Adda Bilisa Baasaa Uummataa Tigraay mormu magaalota garaagaraatti adeemsifame

Hiriirri garee Adda Bilisa Baasaa Uummataa Tigraay mormu magaalota garaagaraatti adeemsifame.

Finfinnee (Yeroo) Sadaasa ,3,2013 

Hiriirri gochaa Addi Bilisa Baasaa Uummataa Tigraay Raayyaa Ittisa Biyyaa ajaja kaabaarratti raawwate mormuufi tarkaanfii  yeroo ammaa murnicharratti fudhatamaa jiru deeggaru magaalota garaagaraa keessaatti adeemsifamee jira.

Oromiyaa keessaa magaalaan Jimmaafi magaalaan Aggaaroo,Afaar keessaa magaalaan Samaraafi Loogiyaa,Naannoon Somaalee keessaa magaalaan Jigjigaa akkanumas naannoo Sidaamaa keessaa magaalaan Hawaasaa magaalota hiriirichi itti adeemsifame keessaa garii isaaniiti.

Hirmaattotni hiriirichaa gochaa murni Adda Bilisa Baasaa Uummata Tigraay Raayyaa Ittisa Biyyaa ajaja kaabaarratti torbaan darbe keessa raawwate cimsanii ka morman yoota’u,tarkaanfii yeroo ammaa murnicharratti fudhatamaa jiru immoo kan deeggaran akka ta’eefi waan isaan irraa eeggamu hundaan raayyaa Ittisa biyyaa cinaa akka dhaabbatanis mirkaneessanii jiru.

Maddi:-Waajjiraalee Dhimmoota Komiyunikeeshiinii Magaalota kanneeniiti.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *