Tiraampiin aangoorraa buusuuf ragaa hedduutu jira – gabaasa Mana Maree

Gaabsaani miseensota mana maree warra Dimokiraatotaan durfamu akka jedhutti Doonaald Tiraampiin aangoorraa buusuuf ragaan quubsaa ta’e jira. Pirezedaant Tiraamp fedhiiwwan US caalaa “kan dhuufnaasaaaf dursa kennee” jedhan. 
Dursaan garee gaaffii Tiraampin aangoorraa buusuu gaggeessaa jiran Pirezedaantiin US Doonaald Tiraamp waajira keessatti amala badaa agarsiisuu isaatiin ragaan aangoorraa isa buusuuf barbaachisu “akkana gahaadha” jedhan. 

“Dhimma biyya biroo keessa harka galfachuudhaan” biyya Yukireenirraa akka filannoo bara 2020tiif marsaa lammaffaaf filamuuf isa gargaaruuf tolfataa jira ture. Kana gochuu isaatiin ammoo faayidaa biyyaa caalaa kan dhuunfaa isaa durfachuu agarsiisa jedha dursaan garee kanaa.Gabaasni qophaa’e kun dhimmicha mana mareef dhiyeessuun Tiraampiin aangoorraa kaasuuf jedhameera. Pirezedaanti Tiraamp garuu yakka tokkollee akka hin raawwatiin dubbachuun gaaffii aangoorraa isa buusuuf dhiyaate kana gocha sobaan shira namatti xaxuudha jedhe. 

Wixineen gabaasichaa osoo gadi hin dhiifamiin dura, Pirezedaantiin warra Rippablikaanii qorannaa aangoorraa buusuu warra Dimokiraatotaan durfamu kana “waan baayyee jaalala biyyummaa hin qabnedha” jechuun harkatti busheessanii ture. Barreessaan Waayit Hawuus Isteefenii Girshaam akka jedhanitti ammoo warri dimokiraatotaa “ifaan ifatti yakka hojjechuu ragaa agarsiisu dhiyeessuu hin dandeenye” waan ta’eef “gabaasni dhiyaate sun sodaachuu isaaniirraa kan hafe waan agarsiisu hin qabu.” 

Gabaasni kun gara Koree dhimmi ilaallatu mana mareetti geeffamuun Roobii himannaan Tiraampiin aangoorraa buusuu ifatti dhiyaachuu jalqaba.Koreen basaasaa gabaasicha sagalee 13 fi 9 raggaasisuun gara Koree Mana Marichaa haqa raawwachiisaniitti dabarseera. Paanaaliin dhimma haqaa ammoo ogeessota heera mootummaa afur dabalatee gabaasicha dhaggeeffachuun akkamitti adeemsi aangoorraa buusuu akka itti raawwatamu irratti ibsa kenna. Waayit Hawus ammoo yeroo gabaasni kun dhaga’amu, gabaasicha “waan haqa hin taane” jechuun irratti hin argamu jedheera. 

Himannaa akka aangoorraa Tiraamp ka’uuf irratti dhiyaatan keessaa kan ni ilaalamu jedhamanii eegaman aangootti akka malee fayyadamuu, haqa jallisuufi mana maree tuffachuu kan jedhan keessatti argamu. Warri Dimokiraatotaa mana maree bakka bu’oota ummataa keessa jiran akka Tiraamp aanoorraa bu’uuf dhuma waggaa haaraa kan Amajji dhufu seenuun dura sagalee kennuuf ariifataa jiru.Tiraampiifi Yeroo malee aangoorraa buusuu 
Warri Rippabilikaanotaa gama isaaniitiin himannaa Tiraampiin yeroo malee aangoorraa buusuu kana mormaa jiru. Bakka buutonni mana maree kan Rippabilikaanotaa gabaasa fuula 123 qabu qopheesaniin himannaa warri Dimokiraatotaa dhiyeessan sana cimsanii balaaleffataniiru. 

Gabaasni isaan qopheessan akka jedhutti Dimokiraatonni “fedhii ummata Ameerikaa akka duubatti deebiyu gochuuf yaalaa jiru” jedhan. Warri Dimokiraatotaa kun gaafuma pirezedaantichi gara aangootti dhufanirraa jalqaban jedhan. Sanas ta’e kana garuu warri

Dimokiraatotaa kun ragaa quubsaa yakka raawwatame jedhame irratti argachuu hin dandeenyejechuun BBCtu Gabaase.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *