Oromoota buqqafaman deebisanii dhaabuun nageenyaa fi heddumina waaraa bu’uuressuuf ni fayyada
Finfinnee ( Yeroo ) Ammajjii, 5/ 2013
Baqqalaa Olijiraatiin (OPINION)
Woggoota muraasaa asi Naannoon Benishaangul Gumuuz Naannoo Somaalee caalaa naannoo hamaa ta’eera.Sababaan isaas Oromootni nagayaa hedduun waan achitti ajjeefamaniif.Oromootni hedduun ji’a Muddee keessa finxalleeyyii Gumuuziin ajjeefamuusaaniitiin ammas naannichatti jeequmsi akkuma itti-fufetti jira.
Har’as,Oromoonni dhibbaatamaan lakka’amaniifi Naannoo Benishaangul Gumuuz aanaa Dibaat irraa buqqaafaman worra mana hin qabne ta’aniiti jiru.Aanaan Dibaat godina Matakkal keesssatti kan argamtu yoo ta’u, godinichi Itoophiyaanota gogaa diimaa qaban kanneen akka Amaara,Agaawuu fi Oromootaa jiraniif akka bakka cinqaatti ilaallama.Godinni Matakkal akkuma godina Kamaashii Oromootaaf iddoo jireenyaa Gaarii miti.Worreen nama ajjeesan kunniin namoota ajjeesaniin ykn namoota miidha irra geessisaniin “diimaa “ jedhanii waamu.
Maaltu furmaata?
Jal-qaba irratti,kun rakkoo nageenyaa waan ta’eef,furmaata nageenyaa barbaada.Odoo waa’ee furmaata hawaas-siyaasaa haasawuu hin eegalleen dura jechuu kooti.
Lammaffaa irratti,aktiivistootni mirga namoomaa abdii kutachuusaanii irraa kan ka’een Itoophiyaanotni Gumuuziin ala ta’an ( kanneen akka Oromoo fi Amaaraa jiran ) Matakkal gad-lakkisanii akka bahan barbaadu.Kun garuu adeemsa balaa qabudha.
Furmaatni yeroo dheeraa heddumina,woli-danda’uu fi tokkummaadha.Kana jechuunis,Oromootni buqqaafaman marti deebi’anii Benishaangul keessa qubsiifamu qabu.
Jaarraa 21ffaa yeroo Ameerikaa fi biyyootni Awuroppaa hedduun woli-danda’iinsa jajjabeessuuf yaaduun Viizaa hedduminaa kennaa jiran kanatti nuti dhimma hedduminaa kana maaliif dhiifna?Yeroo addunyaan hammayyoofte daangaa diiguun gamtoomaa jirtu kanatti Afrikaanotni maaliif keenyaa gidduusaaniitti uumu?maaliifis qoqqoodamu?
Wonti Itoophiyaa keessatti uumame fudhatama hin qabu.Hedduminaa fi “poolisii balbala baniinsaa” Itoophiyaa keessattis ta’ee guutummaa Afrikaa keessatti jajjabeessuu qabna.
Finfinneen Magaalaa guddoo Afrikaa waan taateef Itoophiyaan biyyoota Afrikaa isaan kaaniif fakkeenya gaarii ta’uu qabdi.Jaalala sab-daneessummaa yoo hin qabaannee,qindoomina diinagdeefi badhaadhina qabaachuu hin dandeenyu.
Murtiin Afaan Oromoo manneen barnootaa Naannoo Somaalee keessatti barsiisuuf murteeffame tarkaanfii sirriiti.Woggoota lamaan darban keessa Naannoon Amaaraa manneen barnoota sadarkaa 1ffaa keessatti barnoota Afaan Oromoo barsiisuu jal-qabeera.Sagantaaleen alkaanaa kunniin guutummaa biyyattii keessatti babal’achuu qabu.
Haaluma woli-fakkaatuun,Oromoota buqqaafaman gara Benishaangul Gumuuziifi gara iddoowwan Oromiyaan ala jiran gara birootti deebisanii dhaabuu barbaachisa.
Mootummaan Federaalaa Oromoota Amaara,Geedi’oo fi kanneen gara biroos bakka irraa buqqa’anitti deebisuu qaba.Itoophiyaa kessa iddoowwan sabni guddaan saboota xixiqqaa itti-loogu ykn gad-itti qabu heddutu jiru.Furmaatni kanaa saba guddicha ittuu guddaa fakkeessuu odoo hin taane heddumina jajjabeessuufi irra debiin quphachiisuudha.
Woli-jijjiirraan aadaa saboota jidduu jiru ,woliin jiraachuuniifi afaan hedduu dubbachuun wolitti-bu’iinsa Itoophiyaa keessatti uumamu hedduuf furmaata yeroo dheeraati.