Addigraat,Woqroo fi Idagaahamus tajaajila bilbilaa argachuu jal-qaban

Finfinnee (Yeroo )Amajjii 13, 2013 –Wolitti bu’iinsa ji’oota lamaa oliif Naannoo Tigraay keessa tureen magaalotaa fi gandoota baadiyyaa naannichaa hedduu kessatti bu’uuraaleen misoomaa manca’uu miidiyaaleen gabaasaniiru,mootummaanis irra deddeebiin ibseera.

Bu’uuraalee misoomaa gar-malee mancaatiin irra gahe keessaa ibsaa fi sararri bilbilaa ni eeramu.

Mootummaan Federaalaa gaafa duulli naannichatti seera kabachiisuu xumuramuu labsee kaasee hojii bu’uuraalee misoomaa naannichatti manca’an suphuu fi deebisee ijaaruurra jiraachuu beeksisuun ni yaadatama.

Haaluma kanaan Magaala Maqalee irraa kan jal-qabe hojiin kun yeroo ammaas gara magaalota naannichaa isaan hafanitti babal’achaa jira.

Guyyaa har’aas Magaalonni Addigraat,Wuqiroo fi Idagaahamus tajaajila bilbilaa argachuusaanii hoji-geggeessituu olaantuun Ethio Telecom Firehiwoot Taammiruu woyita raawwii karoora hojii ji’oota jahan darbanii miidiyaaleef ibsanitti beeksisaniiru.

Oduudhuma woli-fakkaatuun Naannoo Oromiyaattis Magaala Dambidoolloo dabalatee aanaalee fi magaalonni Lixa Wollaggaa fi Qeellam Wollaggaa hedduun Kiibxata dheengaddaatii kaasee tajaajila bilbilaa argachuu eegaluusaanii rippoortarri Yeroo Media dhalattoota Magaala Danbidoolloo fi naannawasheerraa mirkaneeffateera.

Tajaajilli bilbilaa magaalotaa fi gandoota baadiyyaa godinaalee lamaanii hedduu keessatti ji’oota lamaa oliif addaan citee ture hojii eegaluusaatti hedduu gammaduusaanii dhalattoonni godinaalee kanniinii Magaala Finfinnee jiraatan Yeroo Miidiyaatti himaniiru.

Ethio Telecom ji’oota jahan darban keessa galii birrii biliyoona 25.57 argachuun karoorasaa keessaa dhibbeentaa 95 raawwachuus hoji-geggeesituu olaantuuun kaampaanichaa Firehiwoot Taammiruu beeksisuusaanii odeeffanneerra.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *