Eega magaalaa keessa naannessaniin booda nu afotti ajjeesan-jiraattota Dambiidoolloo
Finfinnee,Caamsaa 04/2013 ( Yeroo )-
Dargaggeessi Amaanu’eel Wondimmuu jedhamuufi jiraataa Godina Qeellam Wallaggaa Magaala Dambiidoolloo ta’e gaafa dheengaddaa harki isaa duubatti hidhamee addabaabayitti ajjeefamuun isaa ni yaadatama.
Ajjeefamuu isaa caalaa ajjeechaan sukkanneessaan kun karaa fuula Feesbuuka Waajjira Dhimmoota Kominikeeshiinii Magaala Dambiidoollootiin akka waan gaariitti gabaafamuun isaa guutuu uummata biyyattii biratti naasuu uumeera.
Waajjirichi ergaa dabarseen Amaanu’eel miseensa garee nama ajjeesaa tureefi Abbaa Torbee jedhamuun beekamuu waan ta’eef tarkaanfiin irratti fudhatameera.
“Dheengadda ganamas odoo nama Gammachuu Mangashaa jedhamu rasaasaan rukutee miliquuf yaalu lukasaa irra dhahamee qabamuu danda’eera.”,jedha ibsi Waajjirichaa.
Itti gaafatamaan waajjira Nageenyaa fi Tasgabbii Godina Qeellam Wallaggaa Obbo Tasammaa Waariyoo deebii dhimmicha ilaalchisuun kennaniin Amaanu’eel erga madaayee qabameen booda uummatatti akka mul’atu taasifame malee addabaabaayitti hin ajjeefamne jechuun,qeeqa Amaanu’eel addabaabaayitti uummata fuunduratti ajjeefame jedhu waakkataniiru.
Haata’uutii malee Obbo Tasammaanis ajjeefamuu dargaggoo Amaanu’eel hin waakkanne inumaayyuu yakkamaa ta’uun isaa mirkanaayeera jechuun yaadasaanii guduunfan.
Jiraattonni Magaala Dambiidoolloo dhimmichairratti haasofsiifne yaada kennaniin Amaanu’eel erga lukasaa irra rasaasaan rukutamee qabameen booda guutummaa magaalichaa keessa naanneffamaa tureera,jiraattonnis mana mana isaaniitii baanee akka daawwanu taasifameera,jedhan.
Magaalatti keessa naanneffamuun dabalatatti,numa afottii miseesa Abbaa Torbee ta’uusaafi ajjeechaa namoota hedduu keessaa harka qabachuusaa dubbachuun dabalatatti eeruu maqaafi eenyummaa miseensota garee Abbaa Torbee naannoo Qeellam Wallaggaatti nama fixaa turaniis himeera “,naan jedhan jiraattonni kunneen.
Akka jiraattonni kunniin jedhanitti Amaanu’eel maqaafi eenyummaa miseensota Garee Abbaa Torbee Sanbata darbe gaazexeessaa OBN ajjeesaniis eereera.
Haata’uutii malee waan fedhes yoo ta’e mana murtiitti dhiyeessanii ragaa quubsaan akka murtii seera qabeessa argatu taasisuu barbaachisa malee uummata fuunduratti mucaa kichuu ajjeesuun sirrii hin turte jedhaniiru.
Gaazexeessaa fi qindeessaan OBN damee Qeellam Wallaggaa Sisaay Fidaas Sanbata darbe Magaaluma Dambiidoollootti mana isaa fuunduratti hidhattootaan ajjeefamuun isaa ni yaadatama.