Itoophiyaa Keessatti Federaalizimiin Dhugaa Eenyuuni?

Goobana Biqilaatiin ( Barreessaa Barruu Yeroo)

Torban darbe kana taateewwan siyaasa lama uumamanii turan. Tokoffaa irratti Ministeerri Muummee Itiyoophiyaa Dr. Abiyyi Ahmad qimdoomina ADWUI jijjiiruun paartii qeenxee tokko hundeessanii jiru. Lamaffaa irratti deeggaraa Dr. Abiyyi kan ta’e Jawaar Mohaammad filannoo Itiyoophiyaa bara 2012 (2020) irratti akka hirmaatu murteessee jira. Sababa kanaaf Dr. Abiyyi qindoomina Paartii ADWUI durii gara paartii Badaadhina Itiyoophiyaatti (EPP) jijjiiruun isaanii bu’uura godhachuun, ADWUI ‘n miseensa paartilee 4 of keessaa qabu ,gaheen tokkoo tokkoo isaanii dhibbeentaa 25 kan ture yommuu ta’u, jijjiiramuun paartii ammaa kun TPLF waan qooda kana dhabsiisuuf komii dhiyeesseera. Kanaan immoo of jaallachuunii fi mormiin paartii TPLF durumaaniyyuu beekkamaadha.

Garuu Jawaar Mohaammad faallaa paartii EPP mormuun isaa waan hin eeggamne ture. Akka ibsa Jawaaritti paartiin haaraa Dr. Abiyyi hundeessan farra Federaalizimii waan ta’eef ni morma, Jawaar akka ibsetti Federaalizimii hedduminaa ( Federaalizimii Sabdaneessa) jedhamuun beekamu ummanni Oromoo hundi deeggaruu qaba jedheera. Jawaar Dhugaa Duibbachaa Jiraa? 

Kanaafuu gaaffii guddaan Itiyoophiyaa keessatti Federaalizimiin dhugaa eenyu?

Isa jedhuudha. Gaaffii kana deebisuuf gara Naannoo Amaaraa , Asaamminoo STiggeetti haa deebinee ilaallu. Seenaa of duuba deebinee yommuu ilaallu Jeneraal Assaamminow Lammiilee Itiyoophiyaa waliin hojjachuu keessatti seenaa gaarii qaba. Waan ta’eefis Dr. Abiyyi muudama bara 2011(2018) itti gaafatamaa Nageenyaa Naannoo Amaaraa ta’uu isaaniitti ni deeggaru ture. Assaaminow maaliif hojii kana argate? Sababni isaa guddaan Paartileen saba Amaaraa Finxaaleyyii ta’an kaayyolee balaafamaa ta’an lama galmaan gahuuf waan mormaniifi:

1.Kanneen gadii kana walitti hidhuuf

  • Walqaayti- Tigraayitti
  • Matakkal – Beenishaalgulgumuuzittiw
  • Darraa -Oromiyaatti hidhuun ilaaluu fedhu

2. Ofiin of bulchuu

  • Agaaw
  • Qimaanti
  • fi Godina Oromoo Kamisee/ Walloo ballessuuf karoorfatan.

Dr. Abiyyi fi Hoggantootni paartii Dimookratawaa Oromoo (ODP) kanneen biroo Jeneraal Assaaminow’n jaaalala Itiyoophiyaa waan qabaniif kaayyoo balaaafamaa finxaaliyyiin saba Amaaraa deemaniin kana ni dhaabu jedhanii amanaa turan. Garuu Jeneraal Assaaminow jijjiirama yaadaa fiduunii fi finxaaliyyii Amaaraa fi oftuultota waliin walitti makamuun isaanii namoota hunda ajaa’ibsiisee ture. Kanaanis ummata Walloo Oromoo hedduu ,Gumuuz fi Lammiilee Itiyoophiyaa biroo hedduu isaanii human addaa Naannoo Amaaraa fayyadamuun ajjeesissaa ture. Ilaalchi farra Federaalizimii Jeneraal Assaaminow sirna Bulchiinsa Abiyyi kan muudaman Hogganaa Paartii Amaaraa Duraanii Dr. Ambaachow Mokonnen waliin walitti bu’uun lubbuu isaa galaafate. Fakenyaafi, yoo nageenyi Oromiyaa fi Sumaalee bulchiinsa akka yaada Asaaminow qaban osoo ta’ee, woraanni Oromoo fi Sumalee giduutti ni jalqaba ture. Itoophiyaan bulchitoota akka Lammaa Magarsaa fi Musxafaa Oomaar qabaachuun ishee baay’ee gaarii dha. 

Haa ta’uu malee, dargaggoon keenya tokko tokko akka janaraal Asaaminow yaadu. Bara 2018 irraan jalqabee nammootni milliona 2 ol ta’an yaada farra Federaalizimii irraan ka’een qe’ee isaanii irraa buqqa’aniiru; fkn uummati Gede’oo ajjeefamaniif buqqa’an raga dha. Namoonni akkana godhan kun ilaalcha farra-federaalizimii kan qabaniif, sammuun isaanii namoota uummata Oromoo naannoo Amaaraa irraa buqisaniin tokko dha. …Fuula 2ffaa irraa kan itti fuufe. Falli jiru federaalizimii Itoophiyaa saba-baay’ee rakkinna “morma xarmuusii” (bottle-neck) fakkata, sababni isaas rakkinya ofumaaf uumeen rakachaa jira. sirreessinuu moo, wilitti dhufeenya jajjabbaan 99 ofirraa mulqinee haa darbannuu?

Siyaasa Itoophiyaa keessatti, siyaasni magaalatiifi farra federaalizimii ta’e kan akka Ezema Birhaanuu Neggaa woltadhufeenya jajjaba 99 hunda darbatanii gatuu barbaadu. Kun dogoggora. Gidduutti immoo, farri federaalizimii akka Jawar Muhaammadii immoo wolitta dhufeenya jajjaba 99 sana wolitta dhufeenya dadhabaa tokkicha sana sababeeffatanii baleeessu barbaadu. Kunis dogoggora. MM Dr. Abiy wanti inni yaala jiru wolitta dhufeenya dadhabaa tokkicha sana suphuudhaan wolitta dhufeenya guutuu 100 uumuudhaan federaaliziimiin sabaa fi sablammii akka hojjatu taasisuu fi itti fuufsisuu dha. Karaa kanaan Oromiyaa keessaa wolitti bu’iinsa jiran tasgabbeessuun ni danda’ama. Karaan nuuti federaalizimii sabaa fi sablammii fayyisuu dandeenyuun yaada namoota akka janaraal Asaaminow jiran dhabbachiisuudhanii dha. ADWUI gara EPP tti jirjiiruu dandeenya, kana godhuudhaanis federaalizimii gara sadarkaa gadi anaatti gad buusuudhaan dhiibbaa Bahir Daar malee Oromoon Wolloo akka bulchitoota Oromoo ta’an ofii isaanii filatan gochuu dandeenya.

Oromoon Assosaa, Walloo, Raayyaa fi Oromiyaan ala jiraatan mirga Oromoo Boranaa fi Baalee jiraatanii wolqixa argachuu danda’u. Garuu yoo nuy Amaara keessatti partii olaana Amaaraa qofa qabaannu ta’e, Oromoo Wolloo qofa osoo hin taane sablammiiwwaan hafan kan akka Qimaant, Agaawi kkf, hanga dhumaatti akka isaan gabrummaa bulchiisa Amaaraa qofa akka ta’an goona jechuu dha.

Federaalizimii dhugaa hojiirra oolchuuf, uummatn Itoophiyaa hundi bulchiinsa fedhe kallattiidhaan akka filatuuf eeyyamuun barbaachisaa dha. Karaa kanaan Federalizimii sabaa fi sabilammiiwaanii mirkaneessuu dandeenya. Federaalizimii yoo jabeessinu, Itoophiyaa jabduu fi tasgabbooftuu uumna, kunis Itoophiyaa diinagdeedhaan badhaatuu taate uumuu danda’a. Jawaar akka inni Federaalizimii dhugaa mormu namuu hin beeku. Yeroo darbe, yaada-dabarsaan ODP obboo Taye Danda’aa, Jawaar dubbiin itti tunta galteerti jedhe. Tayyeen Facebook irratti akka dubbatanitti, “Jawaar wonti inni hin hubanne hundi dogoggora itti fakkaata” jedhaniiru. Akkuma Taayyee, akka tasaa ta’ee Jawaar hin hubatu ta’a, ykn akka Dr. Abiyii muuxannoo bulchiinsaa haala wolxaxaa biyya akka Itoophiyaa waan hin qabneef hubachuu HIN DANDA’U ta’a. Wolumaa galatti, yeroo itti aanu, Jawaar ani Federaalizimii deeggara jechuu danda’a, garuu akka inni dogoggora ta’e hubachuu qabna. Dhugaan jirtu immoo, EPP’n Dr. Abiyyii, paartii qofa osoo hin ta’in deeggartuu Federaalizimii dhugaati.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *