Hundeeffama Mootummaa Itophiyaa fi Sirna Simannaa
Fuulbaana 25 – Yeroo Finfinne
Abiy Ahimad Ali Ministaraa muummee Itoophiyaa ta’uun mana mare baka buutotaa umaataa dura dhiyatanii waadda galaniruu. Haaluma kanan oboo Taagasa Caafo Af-ya’ii mana marree akkasumaas aadde Loommi Badhoo itti aantuu Af-ya’ii mana marree bakka buutotaa ummata ta’uun filamanii waadda galaniruu.
Sagantaa simaana hundeefama mootumaa Itoophiyaa irratti hirmachuuf dureewaan Afrikaa gara gara qophii adaababayii masqaalaa irratti qophaa’ee irratti hirmatanii jiruu. Saganticha irratti muummeen ministaara haarra Itoophiyaa Dooktor Abiiy Ahiimad Ali haassa godhaani jiru. Eerga dabarsaniin waggoota dhufan keessatti, “Dongongora keenya sirreesiinee biyya gaarii dhaloota hegeree dhaalchisuuf hojjenna,” jedhan.
Itoophiyaan kan badhaadha taatu qophii uummatni qabaniin jedhan. ”Yeroon Itoophiyaan itti badhaadha taatu amma” jedhanii, ”gaafatamni kun amma nurra jira” jedhan. Daanqaaleen osoo isaan hin dhaabiin imala gara badhaadhinaa amma akka eegalanifi uummatni gahee akka bahu gaafataniiru
Miseensota raayyaa ittisa biyyaafi qaamolee nageenyaa haala qabatamaa amma jiruun aarsaa lubbuu kaffalaa jiruuf galata qaban ibsaani jiru. “Biyyi yeroo humni ishee hankaaku guutuu addunyaatti kan dagalee taataniif lammiileen Itoophiyaafi jaallattootni Itoophiyaa galatoomaa,” jedhan. Danqaalee biyya mudatanii jiran tokkummaan akka keessa darbuun barbaachisu ibsaniiru.
”Waliigalan alaa gala jedha Oromoon” kan jedhan MM Abiy, ”Marii biyyaalessaa hunda hammataa akka gaggeessanis himan. Kanneen kana keessatti hirmaatan ”humnoota mariin rakkoo keenya fura jedhan hunda” akka ta’us dubbatan. Waliigaltee biyyaalessaa uumuuhaafis waloon kan hojjetan ta’uu kaasuun, “Dhimmoota walitti nu buusan duubatti dhiifnee kan walitti nu fidan irratti xiyyeeffannee qindoominaan ni hojjenna,” jedhan MM Abiy.
Dhiibbaa gama dippiloomasiin Itoophiyaa mudatee jiru irratti yoo dubbatan ammoo, hariiroon biyyoota biroo waliin qaban gaarii akka ta’u murannoo qabaatanis dantaa fi birmadummaa biyyaa haala dabarsee kennuun akka hin taane beeksisan.
”Biyya fedha biyyaalessaa ishee eeggattee jiraattu,” akka taatu akka hojjetanis himan.
MM Abiy imaanaa nutti kenname galmaan ga’uuf dhimmamnee hojjenna jechuun, kanaaf ammoo haarsaa barbaachisuufi gaafatullee ni kaffalla jedhan.
“Rakkoofi imimmaan ummata keenyaa haquuf boqonnaa malee ummata waliin ni hojjenna,” jedhan.
Dureewwan biyyotta afrikaa sagantichaa iraati argaamaniis dhaamsa issanni dabarsaaniruu.
Pireezidantiin Yugaandaa Yuweerii Musevenii ergaa dabarsaaniin Waggoota 60 darbaniif siyaasa Afrikaa ilaalaafi irratti hirmaachaan ture kan jedhan Museveniin, rakkoon Yugaandaas mudatee ture rakkoo siyaasa sabummaati jedhan. ”Siyaasaa sabummaa dhiifnee gara siyaasa fedhaatti yeroo ceenu rakkoo furre” jedhan.
Pireezidantiin Sudaan Kibbaa Salvaakiir Mayaardiit gama isaaniin kaniin as dhufe ummata Itoophiyaa dubbisuuf injifachannoo argattaniif MM Abiy baga gammaddan jechuuf jedhan.
Itoophiyaan haadha keenya kan jedhan Salvaa Kiir, osoo Itoophiyaan hin jiraannee Sudaan Kibbaa akka ammaa kana hin taatu turee jedhan. Rakkoon amma biyya keessa jiru karaa nagaan akka furamus gorsaniiru. Bara bulchiinsaa Itoophiyaa darban keessa Sudaan Kibbaa deeggarsa Itoophiyaarraa argachaa turan yaadachiisan.
”Yeroo hunda isin waliin dhaabanna. Bakka deemtan mara ni deemna,” jedhan.
”Amma Itoophiyaan biyya nagaa keessoo qabdu taatee arguu feena,” jedhan ammo Pireezidantiin Jibuutii Ismaa’eel Umar Giilleetti. Biyyootni hundii haala rakkisaa keessa ni darbu kan jedhan pireezidantiin Jibuutii Itoopiyaan jabduu taatee itti fuftii amantaa jedhu qabna, jedhan.
Pirezedantii Jabutii Ismaa’el Omaar Giilee dubbii sirna muudamaa kana irratti taasisaniin, Itoophiyaan fakkeenya ‘Paan Afrikaanizimiiti jedhan. Gama dinagdeetiinis gahee Itoophiyaan Qaxanaa kana keessatti qabdu kaasuun, “Itoophiyaan ofiishee waliin nagaa akka buustuufi guddummaa duraan qabdi turte akka haaromsattuuf,” gaafataniiru.