Oromiyaatti guyyaan manni barnootaa itti banamu ammas dheereffame

Finfinnee,(Yeroo) Sadaasa 09/2013 

Oromiyaatti manni barnoota mootummaafi dhuunfaa hundi Sadaasa 3 ni banamu jedhamee himamee ture.

Haata’uutii garuu guyyaan manni barnootaa naannichatti itti banamu ammas yeroo hin beekamneef dheereffamuusaa hoogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa miidiyaaleef ibsanii jiru.

Tatamsa’inni weerara Vaayirasii Koronaa ammas maatii barattootaa biratti akka sodaatti kahuun sababaa akka tahes Dr Tolaan himanii jiru.

Isaan kana haajedhan malee rakkoon nageenyaa amma biyyi itti jirtus sababaa dabalataa hin tahin akka hin hafne qondaaltotni biirichaa yaadasaanii Yeroodhaaf kennan ni dubbatu.

Yeroo Miidiyaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *