Qu’annaan Yeroo Wolfalmii Filannoo Cimaa Agarsiisa

Finfinne (Yeroo) – Qorannoo xiqqaa midiyaan Yeroo magaala guddoo Iyoophiyaa Finfinneetti hojjate wolfalmii cimaa paartile morkitootaa fi paartii bulchu  gidduu akka jiru agarsiisa. 

Haa ta’uu malee bu’aan qoranichaa akka agarsiisutti, hawaasni tokko tokko, keessumattuu hawaasni Oromoo magaala Finfinnee jiraatu filamicha irratti hirmaachuuf fedhii akka jin qabne agarsiisa. 

Akka qu’annaa Yerootti, hirmaatotni 52% ta’an paartii Badhaadhinnaa (PP) yoo filatan, kan hafan immoo partii gara garaa akka filatan himaniiru. 

Partii morkitootaa keessaa harki caalu Ezema 30%, yoo filatan, 15% immoo Baldaraas filataniiru. 

Filannoon bara 2013 kun filannoo bara 1997 irratti, yeroo partiin morkitoora 99% mo’ate irratti aanuudhaan dorgommiin cimaan Finfinnee keessatti ni ta’a jedhamee eegama.  Filannoon bara 1997 paartiin TPLF beekkamtii naannoo magaalaa itratti akka hin qabne agarsiisee ture. Qu’annoon Yeroo kun yoo qabxii dhumaa filanichaa ibsu ta’e, beekkamtii mummicha Ministeeraa Abiyyi Ahmad, TPLF irra caalaa naannoo magaalaatii qaban kan ibsu ta’a. 

Haa ta’uu malee, qu’annichi kun akka agarsiisutti, namonni 26% ta’an filannicha irratti hirmaachuu akka hin barbaanne (“hin filu” kan jedhu filatan) ibsaniiru. 

Kun akka agarsiisutti lammiiwwaan baay’een filannicharratti hirmaachuuf kakka’uumsa akka hin qabne, ykn partiin isaan filuuf qopha’an filannoo irratti akka hin jirre qgarsiisa. 

Namoota “hin fillu” jedhan keessaa 53% kan ta’an sabaan Oromoo yoo ta’an, kun immoo filannicha irratti fedhii dhabuu cimaa hawaasa Oromoo magaala Finfinnee keessaa agarsiisa. 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *