Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa meeshaan waraanaa gara Sudaan fe’e ‘seera qabeessa’ jedhe
Qaammee 1: Yeroo Finfinne
Aanga’oonni Sudaan meeshaa waraanaa sanduuqaa 72 Itoophiyaa irraa xiyyaara Daandii Qilleensaa Itoophiyaatiin fe’amme biyyattii seensifame, buufata xiyyaaraa Kaartuumitti to’annoo jala oolchuu beeksisaniiru. Eejansiin Oduu Sudaan (SUNA) akka gabaasetti aanga’oonni biyyattii meeshaan waraanaa kun “yakka biyyarratti raawwatamuuf” faayidaarra akka ooluuf ergame jedhanii shakku.
Meeshaan kun buufata xiyyaaraa Kaartuumitti Sanbata galgala qondaalota gumuruukaa biyyattiin to’atame jira. Koreen mootummaa duraanii Omaar al-Bashir kan bara 2019 fincila uummataan aangoorra buufame akka diiguuf hundeeffame dhimmicha qorachaa jira jedha gabaasni SUNAn Dilbata baase.
Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa ibsa dhimma kanarratti BBC’f ergeen gabaasni Eejansii Oduu Sudaan (SUNA) dogoggora jedhe jira. Daandiiin Qilleensaa Itoophiyaa gama isaan meeshaan waraanaa gara Sudaan fe’e ‘seera qabeessaa fi ragaalee barbaachisoo mara kan guuttate’ akka ta’e hima.
Akka koreen kun jedhutti meeshaan waraanaa kun Caamsaa bara 2019 magaalaa guddoo Raashiyaa Mooskoo irraa gara Itoophiyaa kan gale yoo ta’u, ‘aanga’oonni Itoophiyaa waggoota lamaaf to’annoo isaanii jala tursiisanii, akeekkachiisa tokko malee amma gara Sudaan fe’ame’.
Meeshaan waraanaa garas fe’ame qawwee adamoof bitame yoo ta’u, ‘seera qabeessaa fi ragaalee barbaachisoo nama ergee fi nama itti ergamee mara kan guuttate’ ta’uu hime. Daandiin qilleensaa Itoophiyaa meeshaa kana kafaltiin kan geejjibsiisee fi dhimma daldalaa ta’uu hima.
SUNAn akka gabaasetti meeshaaleen waraanaa kun eenyuuf akka ergame adda hin baafamne.
Haata’u malee koreen dhimmicha qorachaa jiru, meeshaan waraanaa kun kan ergame deeggartoota Omar al-Bashir – kan mootummaan Sudaan ce’uumsa gara diimokiraasiitti biyyattiin gochaa jirtu danquuf socho’u jechuun himatuuf ta’uu akka hin oolle shakkii qabaachuu himeera.
Qawween adamoo kun yeroo dheeraaf qondaalota nageenyaan Finfinneetti to’atamee turuu ibsi Daandii Qilleensaa Itoophiyaa ni hima. Qaamni meeshichi itti ergame mana murtii Sudaanitti daandiin qilleensichaa meeshaa kana akka dhaqqabsiisu ykn ammoo adabbii doolaara 250,000 akka kaffalu himachuu ibse.
Kana hordofuun dhaabbatichi qondaalota nageenyaa Itoophiyaarra adeemsa qulqulleessaa erga xumurreen booda, meeshaa kana gara Sudaan fe’uu isaafi xalayaa Ministeeraa Haajaa Alaa Sudaan irraa barraa’e dabalatee ragaalee barbaachisoo mara kan qabu ta’u hime.
Biyyootni lamaan yeroo ammaa lafa qonnaa daangaa irratti argamu al-Fashaga irratti akkasumas dhimma ijaarsa hidha haaromsaa irratti dhibdee yeroo dheeraa ture qabu.
Maddi: SUNA fi BBC