Daawwannaa Muummeen Ministiraa Itoophiyaa Turkitti Taasiisaniin Waliigalteen 4 Mallattaa’uu xummuruun gara biyyatti deebi’aan
Hagayya 13, Yeroo Finffinee
Daawwannaa Muummeen Ministiraa Dooktar Abiy Ahimaad Turkitti taasiisanii Ityoophiyaa fi Turki gidduutti waliigalteen 4 mallattaa’uu ibsameera.
Haaluma kanaan biyyoota lameen gidduutti:-
1. Waliigalteen tumsa misooma damee bishaanii
2. Waliigalteen uwwisa loltummaa
3. Waliigalteen hojiirra oolmaan tumsa faayinaansii loltummaa fi
4. Waliigalteen sanada tumsa loltummaa mallattaa’uu himameera.
Daawwannicharratti Dooktar Abiy iddoo yaaddannoo awwaalchaa Aniitikabiritti abaaboo kaa’aniiru. Hariiroon Ityoophiyaa fi Turkii tumsa walkabajuu fi wal amanuurratti kan hundaa’e ta’uu Dooktar Abiy kaasaniiru. Hariiroo biyyoota duudhaa fi aadaan badhaadhan madaalu ta’uu dubbataniiru.
Preezdaantiin Turkii Reesiip Xaayiip Eerdoogaan masaraa mootummaatti Dooktar Abiyyiif simannaa erga taasiisanii booda jilli hoggantoota lamaanii marii waloo taasiisuu Waajjirri Muummee Ministiraa ibseera.
Marii taasiisaniin qaamoleen lamaan yeroo itti aanu tumsa isaanii caalmaatti cimsuuf murannoo qaban agarsiisuu himameera
Maddi: Waajirraa Muummee Ministiraa