Lammiileen filannichaaf qophii ta’uu ibsan
Filannoon Biyyaalessaa Itoophiyaa marsaa 6ffaan geggeeffamuuf guyyoota lama qofatu hafa.
Yeroo Miidiyaanis filannicharratti hirmaachuuf qophiin lammiilee maali akka fakkaatu xiinxaluuf gara magaalota Sabbataa fi Buraayutti imaluun jiraattota yaada gaafattee jirti.
Jiraattonni dubbifne yaada nuuf kennaniin Paartileen morkattootaa muraasni qofti duula nu filadhaa magaalota kanniinitti akka geggeessan himanii ,isaan dhiyaatan keessaa isa fooyyee ni qaba jedhanii amanan filachuuf qophii ta’uu mirkaneessaniiru.
Taarikuu Baldaa nama Magaala Sabbataatti daldala hoteelaa irratti bobba’eeru.Innis filachuuf kaardii fudhachuu natti himee,gaafa filannootti kaardii koo paartii nageenyaa fi jaalala akkanumas qaalayiinsa jireenyaa foyyessuuf ni hojjata jedhee itti amanuuf kennuuf qophaayeera “ jedhe.
Baarsiiftuu Taliilee Baalchaa ammoo mana barumsa ummataa Magaalaa Buraayyuutti argamu tokko keessatti barsiifti.Ishiinis kaardii filannoo fudhachuu himtee,” kaardicha, paartii rakkoolee nageenyaa,rakkoo bulchiinsa gaarii fi rakkoolee bu’uura misoomaa Magaala Buraayyuu ni fura jedheen amanuuf kennuuf qophaayeen jira “naan jetteerti.
Yeroo filannoof guyyootni muraasni qofa hafe kanatti Magaalotni isaanii haalaan nagaya qabaachuu kan natti himan jiraattonni magaalaa Sabbataa fi Magaalaa Buraayyuu kunniin,kun ta’uunis bayanii filachuuf akka isaanii kakaase natti himaniiru.
Filannicha dura,gaafa filannichaa fi filannicha boodas nageenya naannoo isaanii eeggachuuf qophii ta’uus namootni yaada naa laatan kunniin ibsaniiru.
Anis turtii koo magaalota lamaanitti taasiseen haalli nageenyaa fi qophiin filannichaa magaalota kanneenii haala gaarii irratti akka argamu hubadheera.
Yaaliin yaada qindeessitoota filannichaa xiinxala kootti dabaluuf taasise sababaa “boordicha irraa xalayaan nuuf barreeffamu malee yaada kennuu hin dandeenyu” jedhuun hin milkaayin hafeera.
Buufataalee filannoo Magaalaa Sabbataa fi Magaalaa Buraayyuu hundattuu filannichi ni geggeeffama jedhameera.