Qondaaltonni TPLF olaanoon 4 ajjeefamuufi 9 ammoo too’annoo jala oolfamuun ibsame

Finfinnee ( Yeroo ) Muddee,29/2013

Hoji geggeessaa olaanaa Dhaabbata Raadiyoo fi Televiziyoona Itoophiyaa duraanii Zaraay Asgidoom fi yeroo dhiyoo asi dubbii himaa TPLF ta’uun tajaajilaa kan ture Seekkoturee Geetaachoo dabalatee qondaaltonni TPLF olaanoon 4 ajjeefamuufi 9 ammoo too’annoo jala oolfamuu itti gaafatamaan qajeelcha bobbii humna raayyaa ittisaa Birgaadeer jeneraal Tasfaayee Ayyaalewu ibsan.

Akka ibsa Birgaadeer jeneraal Tasfaayeetti :-

  1. Seekkoturee Geetaachewu,Yeroo dhiyoo asi Dubbiin Himaa TPLF kan ture
  2. Zara’ay Asigidoom, hojii gaggeessaa olaanaa EBC fi daayreektara olaanaa Abbaa Taayitaa Broodkaastiing Itoophiyaa kan ture
  3. Abbabaa G/Madihiin, itti gaafatamaa Dimtsa Wayyaanee kan ture fi
  4. Daani’eel Asaffaa ,hogganaa Biiroo Faayinaansii naannoo Tigraay kan ture konkolaachiiftootaa fi eegdota isaanii waliin raayyaa ittisa biyyaan tarkaanfiin irratti fudhatameera.

Karaa gara biraatiin:-

  1. Aadde Qidduusaan Naggaa ,Af-yaa’ii mana maree naannichaa kan turte
  2. Dooktar Salamoon Kidaanee ,hogganaa Biiroo Misooma Magaalaa naannichaa fi hoogganaa Biiroo Geejjiba Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee kan ture
  3. Obbo Taklawoynii Asaffaa, Hojii geggeessaa Maarat kan ture
  4. Obbo Gabramadihiin Tawaldee ,hogganaa Biiroo daldalaa kan ture
  5. Obbo Waldagiyoorgiis Dasitaa,hogganaa Biiroo Geejjibaa kan ture
  6. Ambaasaaddar Abbaadii Zamuu ,Sudaanitti Ambaasaaddara Ityoophiyaa kan ture
  7. Obbo Tewoodiroos Hagos ,Preezdaantii Akkaadaamii Mallas kan ture
  8. Aadde Mihirat Taklaay ,gorsituu seeraa Mana Maree Naannichaa kan turte fi
  9. Obbo Birihaane Adam Mahaammad ,abbaa adeemsa qabeenyaa fi bittaa naannichaa kan ture to’annoo jala oolfamuusaanii Birgaader Generaal Tasfaayee Ayyaalewu beeksisaniiru.

Hoggantoonni kunneen adamsoo woyita isaan bosonaa fi holqa keessa socho’aa turan taasifameen akka too’atamanis Birgaadeer Generaaltichi hubachiisuusaanii odeeffannoon Tajaajila Oduu Itoophiyarraa arganne ni mul’isa.

Af-yaa’ii Mana Maree Federeshiinii kan turte Keeriyaa Ibraahim torbaan sadi dura harka keennachuusii gabaasuun keenya ni yaadatama.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *