Wallagga Lixaa Aanaa Baabboo Gambeelitti namootni nagayaa ajjeefamuun himame

Finfinnee, Bitootessa 23, 2013 (Yeroo )-Godina Wallagga Lixaa Aanaa Baabboo Gambeel ganda Booneetti haleellaa hidhattoonni uummata nagaarratti raawwataniin namni 28 ajjeefamuu fi 12 madaa’uu Koomishiniin Poolisii Oromiyaa beeksise.

Komishinar Jeneraalli Komishinii Poolisii Oromiyaa Araarsaa Mardaasaa ibsa laataaniin, hidhattoonni ABO Shanee aanaa Baabboo Gambeel ganda Booneetti Kiibxata galgala sa’aatii 3tti jiraattoota naannichaa humnaan mana mana isaaniitii baasuun iddoo tokkotti erga walitti qabaniin booda halleellaa raawwachuu himaniiru.

Haleellaa shororkeessummaa kanaanis  namootni 28 gar-jabummaan ajjeefamuu fi 12 ammoo mada’uu dubbataniiru.

Halleellichi odoo gar-gar hin baafne dhalattoota Oromoo fi Amaaraarratti duuchaan raawwatameeras jedhan-Komishinar Generaalichi.

Humni addaa naannichaa battalatti argamuun hidhattootaa 3 irratti tarkaanfii akka fudhateefi kanneen hafan to’annaa jala olchuuf hojjetamaa jiraachuus ibsaniiru.

Koomishinichi gaaga’ama lubbuu lammiilee nagaa irra gaheen gaddi guddaan kan itti dhagahame ta’uu ibsaniiru.

Karaa gara biraan qaamotni lubbuu namoota ajjeefamanii isa poolisiin naannichaa ibse caalchisan hedduu ta’uu hubanneerra.

Ajjeechaa jumlaa raawwatameefis mootummaa kanneen komatan danuudha.

Dhalattoonni naannoo ajjeechaan sukkanneessaan kun itti raawwatamee yaada Yeroo Miidiyaaf kennaniin gar-malee gadduu dubbatanii rakkoon Lixa Oromiyaa hatattamaan mariin hiikamuu akka qabu hubachiisanii jiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *