Woraanni Eertiraa daangaa Ityoophiyaa gad-lakkisee akka bayuuf waliigalame

Finfinnee, Bitootessa 17, 2013 (Yeroo )

Ji’oota afur duraa kaasee Woraanni Eertiraa karaa kaaba biyyattiitiin daangaa ce’uun miidhaa nurraan gahaa tureera jechuun jiraattonni Naannoo Tigraay himataa turuun isaanii ni yaadatama.

Kanuma hordofuun Dhaabbileen idil-addunyaa fi biyyootni lixaa hedduunis woraanni Eertiraa kun hatattamaan daangaa Itoophiyaa  gad-lakkisee akka bahu akeekkachiisaa turaniiru.

Haata’uutii malee mootummaan Itoophiyaa fi mootummaan Eertiraas woraanni Eertiraa daangaa Itoophiyaa hin ceene jechuun waakkachaa turaniiru.

Kiibxata darbe garuu Ministirri Muummee Dr Abiyyi Ahmad yeroo jal-qabaaf paarlaamaa biyyattiitti dhiyaachuun woraanni Eertiraa biyyasaa balaa TPLF irraa eeguuf jecha daangaa Itoophiyaa ce’uusaa amanan.

Eegasiis,kaleessa waaree booda gara Asmaraatti imaluun erga Prezidaantii Eertiraa Isaayyaas Afa-Worqii woliin mari’ataniin booda woraanni Eertiraa daangaa Ityoophiyaatii akka ba’uu fi raayyaan ittisa biyyaa Ityoophiyaa bakkicha akka bu’u preezdaant Isaayyaas Afawarqiin waliigaluu isaanii karaa toora marsariitii hawaasummaa isaaniitiin ifaamsaniiru.

Kaleessa waaree boodaa kaasee Eertiraatti daawwannaa taasisaa kan jiran Ministirrii Muummee Ityoophiyaa Dooktar Abiyyi Ahmad biyyoonni lamaan walitti hidhamiinsa diinagdee isaanii caalmaan akka itti fufan ibsaniiru.

Bu’uura waliigaltee bara Faranjootaa 2018  mallattaa’ee fi wal amanuurratti hundaa’eetiin ollummaa waloo cimsuuf waliigalamuus Dooktar Abiyyi himaniiru..

Lammiileen Tigraay naannawa daangaa jiraatanii fi lammiileen Eertiraa wal amanuun hariiroo gama hundaan qaban cimsuun murteessaa ta’uus Dooktar Abiyyi hubachiisaniiru.

Dr.Abiyyi Ahmad,woraanni Eertiraa daangaa Itoophiyaa ce’uusaa amanuun amma ammoo gad-lakkisee akka bahuuf murannoon argisiisan tooftaa cimaa ta’uusaa fi kanaanis adeemsa siyaasa Itoophiyaatiif faayidaa olaanaa akka qabaatu Yunivarsiitii Finfinneetti barsiisaan Saayinsii Siyaasaa fi qunnamtii idil-addunyaa Dr Dammaqee Achisoo natti himanii jiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *