Aartistiin Oromoo Hacaluu Hundeessaa Ajjeefamuun isaa mirkanaayee jira

Aartistiin Oromoo Hacaluu Hundeessaa Ajjeefamuun isaa mirkanaayee jira.

Aartistiin Oromoo jallatamaa fi beekkamaa ta’e Haacaaluu Hundeessaa har’aa galgala/waxabajjii 22,2012 tilmaamaan naannoo sa’aatti 3:30 Magaalaa Finfinnee bakka adda Kondominiiyemii Galaan jedhamutti ajjeefame. Akka maddeen keenya Finfinnee irraa himanitti Yeroo amma reenfii isaa Naannoo Labu akka jiru dubbataniiru.
Ajjeechaa Artisti Hacaaluu eenyu akka raawwate ammatti beekamuu baatus qaama jijjirama dhufe butee fi argamtoota TPLF akka ta’e odeeffamaa jiraachuutu himama.

Artist Hacaaluu Hundeessaa Artisti qofa oso hin taane qabsaayaa gameessaa fi dargaggeessa lafaa dhufaa,gara fuulduraatti waan hedduu ni hojjataaf abdatamuudha.
Dhugaa Artisti Hacaaluu lafa hin badi.

Yeroo itti aanu Odeeffnoo guutuu qabanee isiniif dhiyaanna.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *