Manni sirreessa Ma’ikalaawwii duranii daawwannaaf ifa ni ta’a jedhame
Manni sirreessa Ma’ikalaawwii duranii daawwannaaf ifa ni ta’a jedhame.
Guyyaa haqaa Qaam’ee 5 bara 2011 kan kabajamu sababeeffachuun manni sirreessa ma’ikalaawwii duraanii daawwannaa ummataaf banaa akka ta’u Walitti Qabaan Koree Kominikeeshinii, Miidiyaafi Qophii Waltajjii Abbaa Alangaa Federaala Obbo Zinaabuu Tuunuu ibsaniiru.
Manni sirreessichaa kanaan dura sarbama mirga lammiilee heedduu kan itti raawwatamaa ture kan yaadatamu yoo ta’u, jijjirama gama mootummaatiin galmaa’e sababeeffachuun cufame akka muuxiyamitti akka jijjiramuuf murtaa’ee ture.
Mana sirreessaa kanatti shakkamtootarra
tti adeemsa qorannoo wayita gaggeessan kutaa dukkana keessatti dhiibbaan reebichaafi ajjechaa raawwachaa ture.
Korichi akka beeksisetti manni sirreessichaa guyyaa haqaa sababeeffachuun Qaam’ee 1 hanga 4 bara 2011 eegale namoota hundaaf banaa ni ta’a. Dabalataanis agarsiidniifi egzibishiniin qaamolee haqaarratti qophaa’aan ni dhiyaatu jedhaniiru.