Gamtaan Awuroppaas qoqqobbii Ameerikaan Itoophiyaa irra keesse deeggaruu ni danda’a jedhame

Finfinnee,Caamsaa 18/2013 ( Yeroo )

Komishinarri deeggarsa biyyoolessa Gamtaa Awuroppaa Juutaa Urpilaayin komishinara bulchiinsa gaaga’ama gamtichaa Jaaneez Leenaarchiich waliin ta’uun Gaanfa Arikaatti ergamaa addaa Preezidaantii Ameerikaa kan ta’an Jeefrii Fiiltimaan waliin mari’achuusaanii komishinar Juutaan karaa fuula tiwutera isaaniitiin beeksisaniiru.

Haalli qabatamaa Naannoo Tigraay 

keessa jiru xiyyeeffannoo marii isaanii akka ta’es eeraniiru.

Gaaga’amiinsa naannichatti uumame dhaabuuf deeggarsa hawaasa addunyaa akka barbaachisuufi kanaafis adeemsi qindaawaan barbaachisaa ta’uu Fiiltimaan faanaa walii galuusaaniis himaniiru.

Hiikkaan dubbii komishinar Juutaa kun maali agarsiisa jechuun kan gaafanne barsiisaan qunnamtii biyyoolessaa Girmaa Taaddasaa ,”Gamtaan Aworoppaas qoqqobbii Ameerikaan qondaaltota Itoophiyaa irra keette akka deeggaruu fi tarkaanfii woli-fakkaatu fudhachuuf miixaa jiraachuu kan agarsiisudha.Kun ammoo biyyattiif kasaaraa guddaadha”,jedhaniiru.

Gaafii furmaatni isaa maali jennee gaafanneefis “Mootummaan morka hin barbaachifne keessaa bahee karaa furmaata dippilomaasii hordofuu qaba”,naan jedhaniiru.

Ameerikaan torban darbe keessa qondaaltota Itoophiyaa fi qondaaltota Eertiiriyaa akkanumas qondaaltota nageenyaa Naannoo Amaaraa fi geggeesitoota TPLF yakkarratti hirmaatan irratti qoqqobbii deemsaa kaayuun ni yaadatama.

Ergaan Komishinarri deeggarsa biyyoolessa Gamtaa Awuroppaa Juutaa Urpilaayin dabarsanis gamtichi Ameerikaa hordofuun tarkaanfii wal-fakkaataa fudhachuuf karaa jalqabuu kan akeeku ta’uudha Obbo Girmaan kan dubbatan.

Mootummaan Itoophiyaa ergaa kaleessa karaa dubbi himaa Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muftiitiin dabarseen Qoqqobbiin Ameerikaan Itoophiyaa irra keette eenyuunuu kan hin fayyadne ta’uu eeruun Ameerikaan dhimmicha irra deebitee akka xiinxaltu abdii qabaachuu ibseera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *