Naannoo Amaaraa fi Tigraay jiddutti lolli hammaachuun himame

 Finfinnee,Adoolessa 7/2013 ( Yeroo )

Raayyaan ittisa biyyaa magaalota Naannoo Tigraay gad-lakkisee bahuu hordofee humnasaa waan cimsate kan fakkaatu Humni woraanaa TPLF Maqalee toowatee guyyoota muraasa booda bakkeewwan dura qaama naannichaa turaniifi woraanaa asi gara Naannoo Amaaraatti akka makaman taasifaman deeffachuuf lola hamaatti akka jiru himameera.

Humni TPLF kun Magaalaa Allaamaaxaa fi Koram deebisee toowachuusaas dubbii himaan TPLF Obbo Geetaachooo Raddaa Rooyitarsitti himuun isaanii ni yaadatama.

Viidiyoon loltoonni TPLF woyita Magaalaa Allaammaaxa toowataniifi loltoonni Naannoo Amaaraa ammoo magaalicha lakkisanii bahan agarsiisus miidiyaalee hawaasummaa irratti gad-lakkifamee daawwanneera.

Guyyaa har’aa ammoo Allaammaaxaafi Koram deebisanii toowachuuf lola hamaatti akka jiramu qondaaltotnii fi aktiivistootni Naannoo Amaaraa ibsaniiru.

Kanas hordofee Mootummaan Naannoo Amaaraa fi Naannichatti Bulchiinsi Goondar Kaabaa dhalattootni Naannichaa  fi guutummaa biyyattii ogummaa loltummaa bara kamiyyuu qaban hundi naannicha cinaa hiriiruun humna TPLF akka woraanan waamicha dhiyeessaniiru.

Muummeen Ministiraa Dr Abiy Ahmadis ibsa guyyaa har’aa karaa fuula miidiyaa hawaasummaasaaniin kennaniin ergaa adeemsa humna TPLF kanatti hedduu mufachuusaaniifi kanaafis tarkaanfiin fudhatamuu akka malu agarsiisu dabarsaniiru.

Ergaasaanii kana hordofuunis Raayyaan Ittisa biyyaa hedduminaan garasitti bobbaafamuufi tarkaanfiis fudhachuu eegaluun dhaga’ameera.

Raayyaa Ittisa Biyyaatiin dabalatatti humni addaa Oromiyaas humna Naannoo Amaaraa gargaaruuf baa’inaan garasitti bobbaafamuu qondaalli Biiroo Dhimmoota Kominikeeshiinii Oromiyaa maqaan isaanii akka hin dhayamne barbaadan tokko natti himaniiru. 

Bulchiinsi Naannoo Amaaraas Naannoo Oromiyaa irraa deeggarsa argachaa jiraachuu ifatti beeksiseera.

Humni addaa Naannoo Sidaamaas humna addaafi milishaa Naannoo Amaaraa tumsuuf garasitti akka imaluuf geggeessaan taasifamuufii hoogganaan Biiroo Nageenyaa fi Tasgabbii naannichaa Obbo Alamaayyoo Ximotiiwoos ibsuusaanii EBCn Tajaajila Oduu Itoophiyaa waabeffachuun galgala kana gabaaseera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *