Gaafannoo Yeroon nama Siyaasa “Wol-Mormisiisaa” obboo Tolasaa Tasfayee wajjiin taasise
Obbo Tolosaa Tasfaayee dura taa’aa Paartii Koongiresii Biyyaalessaa Oromiyaati.
Obbo Tasfaayeen woggoota muraasa dura hooggansa Paartii Koongiresii Federaalistii Oromoo yeroo ammaa Profeesar Mararaa Guddinaatiin durfamuu kan turan yoota’u, garaa garummaa yaadaa jidduusaaniitti uumameen KFO keessaa gadi lakkisuun Paartii KBO jedhamuun beekamu hundeessanii yeroo ammaas paarticha dura taa’ummaan dursuurratti argaman. Yeroo Miidiyaan haala siyaasa Itoophiyaafi Oromiyaarratti Obbo Tolosaa faana turtii taasfitee jirti. Akka ittaanutti dhiyaata,nu woliin turaa:-
YEROO: gaafilee Yeroo Miidiyaan isiniif dhiyeessuuf deebii/yaada kennuuf tole waan jettaniif maqaa dubbistootaan galatoomaa!!
Obbo Tolosaa:-isinis yaada kiyyaafi ejjannoo Paartii koo akkan ummataaf ibsuuf carraa waan naa laattaniif galatoomaa!!
YEROO:-ji’oota muraasa dura irra deddeebiin gara Maqaleetti imaluun TPLF faana siyaasaa hojjachaa turtan,hammeenyummaan isaanii lammiilee biyya kanaa hedduu kan wolii galchu odoo ta’ee jiruu karaa sana maaliif filattan?woliin hojjachuuf dhaabbilee gara biroo filchuun hin danda’amu turee?
Obbo Tolosaa:-jijjiirama booda ana qofa odoo hin taane hooggantoonni Paartilee siyaasaa hedduun Qindoomina Humnoota Federaalistii jedhamuuf TPLFn hundaa’e keessatti hirmaachuun TPLF faana hojjachaa turreerra.Haata’uutii malee ana dabalatee worreen barbaachisummaa federaaliziimiitti amanan hedduu mootummaan amma jiru sirna durii kan faallaa mirgaafi faayidaa sabaafi sab-lammootaa ta’e deebisuuf hojjachaa jira jechuun nu dogangorsee ture.Haata’uutii malee yeroo muraasa booda wonti isaan jedhan marti soba ta’uufi kan dabaan guutame ta’uu hubannee biraa deebinee jirra.Kun immoo kan ta’e odoo tarkaanfiin seera kabachiisuu isaan irratti hin fudhatamneen dura ture.
YEROO:-eegasiiyyuu tarkaanfii mootummaadhaan TPLF irratti fudhatame akkamitti ilaaltu?
Obbo Tolosaa:-TPLF dhaaba farra sabaafi sab-lammoota Itoophiyaa hundaati.Keessattuu miidhaan humni kun uummata Oromoo irratti raawwate waan y raawwate waanoomillee dagatamu miti.Kanaafuu dhaabni keenya KBO tarkaanfii mootummaan isaan irratti fudhate cimsee deeggara.Injifatamuu isaaniitiinis uummata Itoophiyaa maraan baga gammaddan jechuu barbaadna.
YEROO:-haala siyaasaa yeroo ammaa Itoophiyaa keessa jiru akkamitti gamaaggamtu?
Obbo Tolosaa:-yeroo ammaa gama siyaasaan Itoophiyaa keessa jijjiirama hedduu jira.Fakkeenyaaf akka dhuunfaas ta’ee akka dhaaba siyaasaatti waan fedhan barreessuus ta’ee dubbachuun ni danda’ama.Paartileen hedduunis hundaa’anii caaseffama isaanii diriirfatanii jiru,mariin hedduunis dhimma faayidaa uummataafi dhimmoota siyaasaa hedduurratti mootummaafi paartilee jiddutti mari’atamaa jiru.Wolumaa galatti Itoophiyaa keessa yeroo ammaa jijjiirama hedduu jira.
YEROO:-jijjiiramni jira eega jettanii jijjiiramicha bakkaan gayuuf Paartilee fi mootummaa irraa maaltu eegama jettu?
Obbo Tolosaa:-Paartileen heeraafi seera biyyaa kabajanii socho’uu qabu,qabsoo nagayaa qofas geggeessuutu isaan irraa eegama.Mootummaan ammoo hojii seera kabachiisuu cimsee itti fufuu qaba.Waajjiraaleen Paartilee sadarkaa gadaanurra jiraniifi sababa rakkoolee nageenyaatiin cufamanii turan deebi’anii karaa nagayaan hojii isaanii akka hojjatan haala mijeessuu qaba.
YEROO:-Itoophiyaan sirna caaseffama mootummaa kan akkamii hordofuu qabdi jettanii amantan?
Obbo Tolosaa:-akka KBOttis ta’ee akka yaada dhuunfaa kootti Sirni Federaaliziimii Sab-daneessaa Itoophiyaaf sirna haalaan barbaachisaafi murteessaa ta’edha.Sirni kun cimee dhugaafi haqa qabeessa ta’ee itti fufuu qaba.
YEROO:-Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Caamsaa ykn Woxabajjii keessa filannoo Biyyaalessaa adeemsisuuf karoorfachuusaa beeksisee jira.Mootummaanis filannichi yeroo karoorfametti akka adeemsifamu fedhii qabaachuusaa ibseera.Haata’uutii malee Paartileen nageenyaafi tasgabbiin waan hin mirkanoofneef yeroon filannoo dheerachuu qaba jedhanis ni jiru.,Isin hoo yeroo filannoo irratti ejjannoon keessan maali?
Obbo Tolosaa:-filannoon yeroo adeemsifamuu qabutti odoo adeemsifamee itti gammadna.Haata’uutii malee haala qabatamaa nageenya biyyaa yaada keessa galchuun dirqama ta’a.