Humni TPLF lammiilee ajjeesaa jiraachuun himame
Finfinnee, Waxabajjii 30/2013 ( Yeroo )
Humni TPLF erga torbee darbe magaalota naannichaa deebisee qabatee kaasee namoota caasaa Bulchiinsa Yeroo Naannichaa turanii fi lammiilee gaafa isaan gara gammoojjiitti baqatan caldhifachuu filatan hunda jumlaan ajjeesaa jiraachuu namni qondaala Olaanaa Bulchiinsa Yeroo Naannichaa turaniifi maqaan isaanii akka hin dhahamne barbaadan natti himaniiru.
Qondaaltichi “humni TPLF gaafa naannicha deebisee toowatee kaasee namoota nuti sadarkaa aanaatii kaasee hanga godinaalee,bulchiinsota magaalaatiifi naannoo irratti muudneefi lammiilee caasaa keenya faanaa hidhata ni qabu jechuun shakke hunda mana manasaanii irra deemuun ajjeesuu irratti argama”,jechuun gar-jabummaafi seer-alummaa garichaa ibsaniiru.
Gaafii mootummaan gaafa dhukaasa dhaabuun naannicha gad lakkisee bahuuf murteessu rakkoon kun uumamuu akka danda’u hin yaadne turee ? jechuun isaaniif dhiyeesseef ammoo deebii “miseensota caasaa bulchiinsa Yeroo Naannichaa olaanaa ta’an muraasa irraa kan hafe irra-jireessi caasaa murtii mootummmaa ummatummaan qixa miidiyaa irraa waan dhagaheef miidhaaf saaxilameera “naan jedhan.
Humni TPLF miseensotaafi deeggartoota caasaa Bulchiinsa Yeroo Naannichaa qofa odoo hin taane namoota gaafa inni magaalota keessaa baqatee gammoojjii ture yaada isaanii ibsuu mannaa cal’ifachuu filatanis ajjeesaa jiraachuu qondaaltichi kaasaniiru.
Keessattuu naannawa Oromoonni Raayyaa jiraatan kanneen akka magaalaa Mahonii fi Garjeedaa jedhamuun beekamanitti ajjeechaan jumlaa ummata irratti raawwatamaa jiraachuus eeraniiru.
Geeggeesitootni Bulchiinsa Yeroo Naannichaa muraasni baqatanii gara magaalaa Finfinnee dhufanis taanaan maatiin isaanii biyyatti dararamaa jiraachuu fi isaanis haga ammaatti ramaddii hojii akka hin arganne himuun komiisaanii ibsaniiru.
Humni TPLF mariif gad taa’uu mannaa ammas gara daangaa Eertiiriyaa fi Naannoo Amaaraatti loltoota bobbaasuun bakkekeewwan woyita woraanaatti najalaa fudhataman jedhu deeffachuuf carraaqaa jiraachuu kan himan qondaaltichi,mootummaan federaalaafi hawaasni addunyaa gidiraa sababa garee kanaatiin ummata naannichaarra gahu waliin tahuun dhaabuu akka qaban hubachiisaniiru.