Hundeeffaama Mootummaa haaraa Itoophiyaa
Fulbaana 24: Yeroo Finfinne
Mana maree laamaniif af-yaa’ii fi ittaanaa af-yaa’ii ni mudamu. Manni maree bakka bu’ootaaf kaadhimamtoota dhiyaatan ni raggaasisa jedhamee eegama. Filannoo bara 2013 godhameen ‘Partiin Badhaadhinaa’ kan ministira mummee gochuun kaadhimatu dhiyeessuun ni muda.
Minstirri Mummee erga mudamaniin booda mana marichaatti haasaa ni taasisu. Ministirri Mummee kaabineewwan ijaruun ifa taasisuu. Adabaabaayi Masqalaatti ammoo sirni motummaa haaraa hundeessuu fi waadaa galuu Ministira Mummee haaraa ni raawwata.
Saagantaa hundeefama mootumaa kana irratti piirezdaantiin Senegal Maaki Sal, piirezdaandantii Naayijeeriyyaa Moohamaadu Buhari, piireezdaantii duuraani Naayijeeriyyaa Oliiseguun Obaasanjoo, miinisteera dhiima alaa Aljeeriyaa Raamataan Laamamraa Finfinnee galaniruu. Aanga’oonii Tuurkii, Chaayinaa fi Raashiyaas gara biyyaa nii gaalu jedhaame eegama.
Filannoo bara 2013tti gageefaameen Paarilaamaa haaraa keessatti Paartiin Badhaadhinaa olaantummaa qabachuun teessuma hedduu qabatulleen, odeeffannoo hanga ammaatti jiruun teessummni 11 miseensoota paartii mormituun, afur ammoo dorgomtoota dhunfaatiin qabameera.
Odeefaanoowaan huundeefamaa mootumaa haarraa Itoophiyaa ilaalchisee tooraa weebsayiitii keenyaa Yeroo.org akkaasumaas fuulla feesbuukii kenyaa irratti issiin birraan geeynaa.