Gaafannoo Yeroon Faarfataa Wongeelaa Itiyoophiyaa Kefaa Miidhegsaa Wajjiin Godhe
Miidiyaan Yeroo faarfataa wangeelaa beekkamaa Oromoo-Itiyoophiyaa Kefaa Miidheksaa wajjiin haala yeroo amma Itiyoophiyaa ilaalchisee, keesumattuu gaafannoo wol-mormisiisaa faarfataan wangeelaa Itiyoophiyaa beekkamaan dr. Derejjee Kebbedee miidiyaa Ethio 360 jedhamu wajjiin godhe irratti xiyyeefachuun gaafannoo godhee jira.
YEROO: Yaada ati gaafannoo faarfataan wangeela dr. Derejjee Kebbedee miidiya Ethio360 jedhamu irratti gaazexeessituu Riyoot wajjiin tasiseef kennite uummatni Itoophiyaa haala kamiin waan si simatu sitti fakkaata?
KEFAA: Isa kana gama lamaan ilaala. Inni tokkoffaan, uummatni Ityoophiyaa sablammiiwwan yaada yaadaa fi illalcha gara garaa qabanii dha. Namoota fedhii fi yaada garagaraa qabatanittu jiru. Kan yaada koo fudhatan jiru, kan ana wajjiinis wolii hin galles jiru. Haa ta’uu malee dubbii fi dalagaan keenya yeroo hunda abdii saba keenyaaf ta’uu dha. Inni lammaffan immo wanti nuuti, hoggantootni amantii gochuu qabnu saba keenya abdii kutateef abdii ta’uu qabna malee sababbi wol-baleessuu isaanii ta’uu hin qabnu. Derejjeen ifaan ifatti, “Itiyoophiyaan diigamteerti” jedhee dubbate. Dhugaa dubbachuuf dr. Derejjeen nama guddaa dha. Rakkinya baay’ee keessa darbeera. Yeroo mootummaan dargii ture nama gatii baay’ee kaffalee dha. Har’a akkan ata’ee, bakka guddaa duraanii irraa gad-bu’ee arguu kootiin gaddee jira. Nuti akka abbaa amantiitti isa irraa kana hin eegnu ture. Inni gama saba tokkoo ta’ee wa’ee diigamuu fi wol-balleessuu Itiyoophiyaa haasa’uu hin qabu.
YEROO: Dr. Derejjeen badii Oromiyaa keessatti uummameef Qeerroo qofa irratti xiyyeefate. Isa kana immoo ati balaaleffattee turte. Mee akka yaada keetiitti, Dr. Derejjeen dargaggoo Oromoo hunda irratti xiyyeeffate moo, garee badii uuman tokko tokko qofa irratti waan xiyyeeffate?
KEFAA: Qeerroo jechuun dargaggeessaa fi dargaggeettii Oromooti. Dr. Derejjeen immoo osoo addaan hin qoodin “Qeerroon” badii Oromiyaa keessatti uumame hunda itti gaafatamummaa fudhata jedhee farajuun isaa dogoggora guddaa dha. Qeerroon qaama Oromooti. Dargaggeeyyiin Itiyoophiyaa keessa jiran Qeerroo qofaa miti. Dargaggeeyyiin Amaaraa, kan Faannoo jedhaman, kan Guraagee, Zermaa kan jedhaman akkasumas kan Sidaamaa Ejjettoo kan jedhamanii fi kan biroos jiru. Qeerroo dabalatee dargaggeeyyiin kunniin qaama Itiyoophiyaati, akkasumas jirjiirama Itiyoophoyaatiif falmaniiru. Keesumattuu Qeerroon Oromiyaa gatii guddaa kaffaleera. Kana yeroo jedhu immoo qamni maqaa “Qeerroo” tiin socho’uufi uummata wolitti buusu hin jiru jechuu koo miti.
YEROO: Akkuma beekkamu dr. Derejjeen farfannaa Afaan Oromoo qaba, akkasumas faarfatoota Itiyophiyaa keessa jiran hunda caalaa jaalatamaa dha. Dr. Derejjeen ifatti dhiifama gaafachuu qaba jettee yaaddaa?
KEFAA: Dhugaa dubbachuuf Dr. Derejjeen faarfataa baay’ee jalatamaa dha. Dhageettii guddaas hordoftoota amantaa prootestaantii fi kan biroos biraa qaba. Yeroo baay’eef akka inni gara miidiyaatti bahee nu gorsuuf, akka nama waaqaatti karaa akka nutti agarsiisu eegnee ture. Haa ta’uu malee akka nuuti isa eegnetti isa hin arganne. Akkana ta’uu hin malle. Dr. Derejjeen pastaroota fi faarfattoota baay’ee arrabsuun irra hin turre. Yoo rakkinyaa fi quuqama waldoota Kristaana Itiyoophiyaa wajjiin qabaates karaa waldootaatiin ibsachuu ni danda’a ture. Garuu miidiyaa nama akka isaatiif hin taane, kan yaada namoota hundaa wol-qixa hin ilaalle irratti haala akkanaatiin isa argachuu keenyaan gaddinee jirra. Inni sabaa fi sablammiiwwaan hunda wolqixa ilaaluu qaba ture.
YEROO: Deebii ati dr. Derejjeedhaaf kennite irratti dargaggoon Itiyoophiyaa kan Oromiyaan ala jiranis rakkinya qabu jettee turte. Dr. Derejjeen immo Qeerroon qabeenyaa invastimantii fi daldala magaalota Oromiyaa keessa jiran barbadeessaa jiru jedhe. Kana irraa ka’uudhaanis invastaroonni baay’een magaalota Oromiyaa gad-dhiisanii gara magaalota biroo kan akka Debre Birhaanitti sokkaa jiru jedhe. Kanaafuu, dr. Derejjeen dargaggoo Itiyoophiyaa irraan addatti Qeerroo irratti xiyyeffachuun isaa sirrii dha
jettee yaaddaa?
KEFAA: Mannen daldalaatii fi invastimantoonni, akkasumas lubbuun namaa Oromiyaa keessatti badan sirrii miti. Haa ta’uu malee wanta darbee kaasnee wol-himatuun gargar nu qoodee, gara hameenya guddaa gnu geessa, nu balleessa malee akka wol-hubannu nu hin gargaaru. Dr. Derejjeen Oromiyaa qofa irratti xiyyeeffachuun isaa miidhaa guddaa qaba. Badiin qabeenyaa fi lubbuu namaa irra gahe Oromiyaa qofa keessatti hin turre. Wagga darbe mootummaa naannoo Amaaraa keessatti lubbuu namoota baay’eettu darbe. Lubbuu namaa immoo qabeenya hunda caala.
Rakkoon nuuti akka biyyaatti qabnu kan Oromiyaa keessaa burqan qofaa miti. Itiyoophiyaa hunda keessa rakkoo baay’eettu jiru. Nuuti namootni saba kana irratti dhiibbaa yaadaa geessisuu dandeenyu waa’ee badii osoo hin taane waa’ee abdii irratti xiyyeeffachuu qabna.
YEROO: Dr. Derejjeen gaafanno sana irratti Qeerroon nagaadhaan qabsawan namoota maqaa Qeerrootiin badii geessisan irratti xiyyefachuu dhaan badii dhaabsisuu qabu jedhe. Kanaan wolii galtaa?
KEFAA: Akka ani amanutti lubbuun nama kamiiyyuu darbuu hin qabu. Qabeenyi eenyuus barbada’uu hin qabu. Kanaafuu Qeerroon yeroo qabsa’an lubbuu namoota naannoo isaanii jiranii fi qabeenya namoota hundaa, osoo sabaa fi amantiidhaan gargar hin qoodin eeguu qabu jedhee amana. Qabsoon isaaniis wol-qixxummaa sabaa fi amantii Itiyoophiyaa keessaa mirkaneessu waan ta’eef, wantoota kaayyoo isaanii irratti dhufan hunda qaroominaa fi jaalalaan injifachuu qabu jedha.
YEROO: Deebii ati gaafannoo dr. Derejjeetiif debisteef irratti, “yeroo mootummaan darbe waggoota digdamii torbaan darban namoota ajjeesaa ture ati eessa turte?” jetteenii ture. Dhalootni armaan booda dhufu immoo, si’iin, “yeroo mootummaan ammaa kun namoota ajjeesa turetti eessa jirta” jedhee yoo sigaafate maal jettee waan deebistu sitti fakkaata?
KEFAA: Ani yeroo mootummaa darbees ta’ee yeroo ammaatti mootummaa ija jaamaadhaan hin deeggaru, hin mormus. Ani akka namni hin ajjefamneefi, akka hacuuccaan namoota bifaa fi fakkaattii Waaqayyotiin uumaman irra hin geenyeef dubbachaa ture, dubbachaas jira. Kaleessas, hardhas, boris, ani dhugaa qofa wajjiin dhaabbadha.
YEROO: Dr. Derejjeen mootummaa naannoo Oromiyaa adda baasee ajjeechaan “duguuggaa-sanyii” Oromiyaa keessatti raawatameera jedhe. Ati immoo yaadni Derejjee waltawaa miti jechudhaan, ajjechaan “sabaan-wolqabate” Oromiyaa keessa qofa osoo hin ta’in bakkeewwaan baay’ee keessatti raawwatameera jette. Yaadni kun immoo rakinyi sanyiidhaan wol-qabate bakkeewwaan hunda jiraachuu isaa ibsa. Kana irraa ka’uudhaan, sirni Federaalizimii saba irratti hunda’e kun rakkinya Itiyophiyaatiif bu’uura jettee yaaddaa?
KEFAA: Ani akka yaadutti sirni federaalizimii saba irratti hunda’e kun mataa isaatiin rakkoo qaba hun jedhu. Namoota saba fi afaan isaaniitiin, eenyuma kana kan kenneef Waaqayyoo dha. Kanaafuu, namni hunduu haala Waaqayyo isaan uumeen eenyummaa fi afaan ofii bilisummaadhaan fayyadamuun akka jiraatan fedha Waaqaati. Tokkummaa keessa garaagarummaan aadaa fi afaanii keenya bareedinnaa fi humna keenya malee waan ittiin wol-balleessinuun ta’uu hin qabu.
Ani akka nama hafuuraa tokkootti ilaalchi koo kan irratti hunda’e kitaaba qulqulluu dha. Kitaabni qulqulluun akka nutti himutti ilmi namaa seexanaan sobamuudhaan yaada Waaqa irraan gargar bahe. Kanaafuu namni Waaqayyo wajjiin karaa Iyyesuus Kristoosiin araaramuudhaan sammuu ofii yoo hin jirjiirin, obboleessa ofii jaalachuu hin danda’u. Ajaja Waaqayyo ilmaan namaa hinda ajaje keessa inni
guddichi, “obboleessa kee akka mataa keetti jaaladhu” isa jedhuu dha. Saboonni aadunya hundi sanyi Addaamiiti. Isaan hundinuu Waaqa wajjiin karaa Iyyesuusiin araaramu qabu. Kanaafuu, tokkummaan dhugaa akka Itiyoophiyaa keessa jiraatuuf, wol-dhageeffachuuf, wol-kabajuu, akkasumas mariidhaan wol-wajjiin gara fuulduraa deemuu qabna.
YEROO: Beektotni siyaasaa baay’een akka jedhanitti, erga gara angootti dhufeen waggota lamaan booda MM Abiyyi Ahmad daandii sirna diimokraasii irraa baheera jedhu. Ati hanga amaatti maaliif isa deeggarta?
KEFAA: Ani sababa malee mootummaa hin mormu, hin deeggarus. Akka nama waaqatti yoo mootumman wanta gaarii hojjate ni deeggara. Wanta sabaa fi akkasumas lubbuu namootaatiif miidhaa qabu yoo hojjate hin deeggaru. Ani eenyu wajjin hin dhaabbadhu. Wanta Waaqni jaalatu nan jaaladha. Wanta Waaqani jibbus nan jibba. Ani Waaqayyo wajjiin dhaabbadha.
YEROO: Akkuma beekkamu Dr. Gammachiis Buubaa nama baay’ee beekkamaa fi abba televisiona L ti. Wolgahii hoggantoota Oromoo Mineesootaa irratti adeemsifame irratti, Oromiyaa keessatti hoggantootni siyaasa yoo tokko hin ta’inii fi dargaggoo gargar qoodanii yoo gurmeessan ta’e nageenyi Oromiyaa keessa hin jiraatu jedhe. Hoggantootni amantii Kristaanaa prootestaantii kan akka Dr. Derejjee fi Dr. Gammachiis mootummaa qeequun isaanii dogongora jettee yaaddaa?
KEFAA: Ani marii dr. Gammachiis hoggantoota hawaasa Oromoo Mineesootaa wajjiin taasise hin dhageefanne, kan dr. Derejjee malee. Haata’uu malee namni hunduu ragaa malee mootummaa komachuu, akkasumas sababa malee deeggaruun irra jira jedhee hin yaadu. Dr. Derejjeenis ta’e dr. Gammachiis yaada waltawaa ta’ee, kan sabootaa fi namoota wolitti araarsu, akkasumas akka biyyittin Itiyoophiyaa wol-dhageeffachuu fi wol-kabajuu irratti hundoofte ijaaramtu godhu burqisiisuun isaan irra jira jedhee yaada.
YEROO: Furmaatni wolitti bu’uunsa hidhattoota WBO shaneetii fi humna mootummaa federaalaa maal ta’uu qaba jettee yaadda?
KEFAA: Ani paastarii dha. Ani humna mootummaa wajjiinis ta’ee WBO shanee wajjiin hin dhaabbadhu. Ani Waaqayyo wajjiin dhaabbadha, ani dhugaa wajjiin dhaabbadha. Miidhaan tokko nama kamirraayyuu akka gahu hin barbaadu. Kanaafuu, mootummaanis ta’ee shaneen hanga danda’ametti gara marii dhufuu danda’uu qabu. Lubbuun namaa baduu hin qabu. Namni bifaa fi fakkaattii Waaqayyootiin uumame kabajamuu qaba.
YEROO: Waa’ee Jawaar Mohaammad ilaalchisee, Jawaar hiikamuu qaba moo mana hidhaa turuu qaba jettee yaadda?
KEFAA: Gaaffiin kun ana hin ilaallatu. Ani abba seeraas miti, Waaqas miti. Yoo balleessaa tokko malee hidhamee jiraate, abbaan haqaa Waaqayyo jira. Yoo balleessaa qabaatee hidhames, murtee haqaa akka argatuuf, abbootiin seeraas akkaataa heera biyyitiitiin murtii dhugaa akka kennaniif hawwa. Hundaan olimmo wa’ee isaatiif Waaqayyo nan kadhadha.
YEROO: Dhuma irratti ergaan ati namoota Kiristaana ta’anii hidhattoota WBO Shanee deeggaraniif qabdu maalii dha?
KEFAA: Ani WBO qofa osoo hin ta’in humnoota hidhatan hunda, kan mootummaas dabalatee jechuu dha, gara uummata keessaniitti rasaasa hin dhuqaasinaa jedha. Kan du’u qaama keessani. Kan miidhamu saba keessani. WBOnis ta’ee, mootummaan lubbuu ajjeesuu hin qabu. Ani akka nama Waaqaatti ajjeechaa
gosa kamiiyyuu ni morma. Hanga danda’ametti marii fi wol-hubachuun deeggartoota Kiristaanaa WBOtiifis, kan humna mootummaatiifis filannoo keenya ta’uu qaba jedha.
YEROO: Turtii nu wajjiin dabarsiteef baay’ee galatoomi.